Mootummaan naannoo Amaaraa haalli nageenyaa kan waliigalaa fooyya'eera jedhee ibsuus, jiraattonni garu waan kanaan ala ta’e dubbatu.
Dubbi himaan mootummaa bulchiinsa naannoo Amaaraa Mangashaa Fentaaw miidiyaalee naannoof akka ibsanti, lansiin uggura sochii magaalota akka, Dabra Birhaan, Baahirdaar fi Gondar irratti kaa'ame ''haala nageenyaa fooyya'e' hordofuun fooyyeeffameera jedhan.
Jiraattonni garuu, walitti bu’iinsi humnoota mootummaa fi garee hidhate Faannoo gidduutti adeemsifamaa jiru, lubbuu namoota nagaa galaafachuu itti fufeera jedhu.
Godiina shawaa kaabaa aanaa Berehet keessatti hojjetaan tajaajiila fayyaa tokko, torban lamaan darban qofa keessatti, lubbuun namoota nagaa shan darbuu Sagalee Amerikaaf mirkaneessan.
Dhukkubsattoonni gara hospitaala Dabra BirhAanitti ergamanis, sababa cufamuu daandiitiin imaluu akka hin dandeenye himan.
Daabanni Daa’immanii kan Tokkummaa Motumootaa (UNICEF) gama biraatiin waldhabdeen bulchiinsoota naannoo Amaaraa, Oromiyaa fi naannolee biroo keessatti adeemsifamaa jiru, sadarkaa daa’imman mana barumsaa ala ta’an haalaan akka dabalee ifa taasisee jira.
Dhaabbanni Tokkummaa Mootummoota kun gabaasa Jimaata darbe baaseen, guutuu Ityoophiyaa keessatti sababaa balaa adda addaatiin kan ka’e daa’imman miiliyoona 7.6 barnoota ala akka hafan ibseera jechuun Asteer Misgaanaaw Dasee irraa gabaastee jirti.
Forum