Waajirri prezidaantii bulchiinsa naannoo Tigraay kan yeroo, murtoo mana murtii kennu gidduu seenuun, haqa akka hin argannee gochaa jira jechuun, gaazeexeessonni Teeleeviziyoona Tigraay keessa hojjatan, Sagalee Amerikaaf komee isaanii dhageesisanii jiru.
Bara 2013 mootummaan Feedeeraalaa bulchiinsa yeroo Tigraayiif hundeesse jalatti midiyaa keessa hojjataa turatan jechuun, sadarkaa irratti ramadamanii hiojjachaa turan irraa akka gad buufamanii hojjatan kan dhaabatichi irratti murteessee ture, manni murtii akka sadarkaa duraan irra turanti akka deebifaman kan murteesse ta’uus, murtiin kun amma iyyu hojii irra hin ollee jedhan.
Hogganni dhaabatichaa dhimmi kana irratti deebii akka kennan gaafataman, deemsii kun hin xumuramiin jira jechuu bira darbanii ibsa bal’aa kennuu irraa of qusatanii jiru jechuun Muluugeetaa Atsbehaa Maqalee irraa gabaasee jira.
Forum