Miseensonni mana maree bakkaa bu’otaa mootummaa Yunaayitid Isteets kan paartii Repaabilikaanotaa nama kaadhimama Afaan Yaa’ii mana marichaa ta’u filachuudhaaf qibxata har’aa walgahii taa’anii jiru.
Afaan yaa’ii duraanii Keeveen Maakartii erga aangoo irraa kaasamanii torbaan Sadii yemuu ta’ee kannatti , afaan yaa’ii biraa filachuu irratti kan wali hin gallee miseennsonni bakka bu’oota paartii repaabilikaanotaa walgahii isanii har’aa kan taasisan balbala cufatanii akka ta’e beekameeraa.
Torban sadan darban keessatti kaadhimamtootaa afaa yaa’ii lamma irratti kan waligaluu dadhaban Repaabilikaanoonni walgahii isaanii har’aa irratti bakka bu’oota Sadii irratti sagalee kennuudhaaf akka marii taasisuuf deeman ibsamee jira.
namoottan Sadan kaadhimamtoota ta’an, bakkaa bu’aa kutaa Minisootaa Toom Emer, bakka bu’aa kutaa Oklaahoomaa Keevin Heerin fi bakka bu’aa kutaa Filooridaa Baayiroon Doonaalds ta’u akka danda’an maddii oduu assooshiyeetid prees gabaasee jira.
Wareen afaan yaa’iitif dorgomaa jiraan caalaan isaanii waree Ilaachaa Rincicummaa qabani fi wareen bu’ii filannoo prezidaantumaa darbee mormaa turan ta’uun isaanis gabaasamaa jira.
Manni maaree bakka bu’ootaa afaa yaa’ii isaa dafee filaachuudhaa baannaan sababa hanqinaa baajataatiin kan ka’ee Sadaasa 17 bara 2023 boodaa hojiin mootummaa feederaalaa dhaabbachuu akka danda’u gabaasiin Assooshitid prees ibsee jira.
Forum