Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Keeniyaa Waa'ee Poolisoota Biyyattii Naga-Eegumsa Hayitiif Erguu Murtoo Mootummaan Dabarse Uggure  


Faayilii -Mootummaan Keeniyaa Waa'ee Poolisoota Biyyattii Naga-Eegumsa Hayitiif Erguu Murtoo Mootummaan Dabarse Uggure
Faayilii -Mootummaan Keeniyaa Waa'ee Poolisoota Biyyattii Naga-Eegumsa Hayitiif Erguu Murtoo Mootummaan Dabarse Uggure

Sochiin mootummaan Keeniyaa poolisotaa biyyatti garaa biyyaa Heeyitiiti erguudhaaf taasisaa jiru akka turu manni murtii ajaja Kanaan dura dabarse ture qibxata har’aa dheeresee jira.

Ajajinni mama murtii kun kan darbee , haalii yeroo ammaa Heeyiti keessa jiru, too’anii ofiin bultootaa warren meeshaa waraanaa hidhatanii socho’an jala waan olee jiruuf yakki biyyatti keessatti raawwachaa jiru yoominuu caalaa hamaa ta’uu isaa ergaa dhaabbanii mootumoota gamtoomanii akeekkachiisee booda.

Mani maree nageenyaa mootumootaa gamtoomaanii gareen nagaa eegdotaa biyyoottan adda addaa keessaa walitti dhufanii fi keeniyaadhaan dursamam akka Heeyititti bobba’u ji’aa onkoloolessaa kana keessa eyyaamus, manni murtii olaanaan Keeniyaa garuu akka umnoottan keeniyaa garaa Heeyitii hin deemne gaafii dhihaatee irratti hundaa’udhaan murtoo dabarsee jiraa.

Umnoottan keeniyaa garaa Heeyitiitti erguun heeraa keeniyaa fi walgaltee biyyoottan adduunyaa kamiinuu wajjin taasifamen waan hin degeramneef sochiin mootummaan karaa kanaa taasisaa jiru akka dhaabbatu kan mana murtiitti himannaa dhiheessaan miseena Paartii mormiitootaa keeniyaa kan ta’a Ekuru Aukot akka ta’an beekameera.

Tarkaanfiin mootummaa akka uguramee turu kan murteessan abbaan seeraa Enok Miwita dhimmiichi ji’a Sadaasaa dhufuu gaafaa guyyaa Sagalii haala ariifachisaa ta’en akka ilaalamu ibsanii jiru.

Kaabineen mootummaa keeniyaa Onkoloolessa 13 bara 2023 akkaataa umnoottan biyyaatii gara biyyaa alaatti erguun danda’amu irratti seeraa haaraa baasee Paarlamaa biyyatiif dhiheesudhaaf akka qophaa’ee yemmuu ibsee jiru ti, ministeerri dhimmaa biyyaa keessaa mootummaa keeniyaa, Kituree Kindiikii “loltoonni keenyaa akka booyyee gurgurtaa biyyaa alaatti ergamuu hin qabanu” jechuudhaan mormuun isaanii gabaasameera.

Biyyii Iyyumaadhaan beekmatu Heeyitin waggoottaniif hokkoraa gareewwan ofiin bultootaatiin raafamaa kan jirtuu ta’un ishee ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG