Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rippaabilikii Dimookiraatawa koongoo Keessatti Kaleessa Namoota 26Tu Ajjeesame 


Faayilii - Rippaabilikii Dimookiraatawa koongoo Keessatti Kaleessa Namoota 26Tu Ajjeesame 
Faayilii - Rippaabilikii Dimookiraatawa koongoo Keessatti Kaleessa Namoota 26Tu Ajjeesame 

Baha Repaabilikii demokraatawaa Koongoo/RDK keessatti haleellaa hidhatootaan kaleesaa raawwateen namoottan 26 ajjeefamuun isaanii gabaasameera.

Ajeechaan kun kan raawwatamee bahaa bulchiinsaa Kiivuu magaalaa OICHAA jedhamuu keessaati akka ta’e kan ibsani kaantibaan magaalichaa NIKOOLAAS KIKUKU gochicha kan raawwatan shakkamtoota garee hidhaatootaa isilaamummaa leelisanu akka ta’an himaniiru. Namoottan ajjeefamani allattis namoottan biro Afur madaa’anii hospitaala seenuun isaanii beekameera.

Namoottan du’an ijoolleewwan 12 fi beektotaa 14 yemuu ta’an caalaan isaanii kan ajjeefaman aalbeedhaan aaka ta’ee maddi oduu Ajaans Fraans Prees/ AFPn namoottan ijaan argan waabefachuudhaan ibsee jira.

Poolisoonni biyyichaa gama isaaniitiin akka jedhanitti Onkoloolessa 17 bara 2023 daangaa biyyaa ollaa Ugaandaa keessatti misiroowwan bakkaa bashananaa keessaa turan irratti hidhattoonii ajjachaa raawwataniiru. Haleelaa kan raawwachuu isaas qaamnii garee Islaamiki Istaat jedhamuu wajjin hidhata qabu itti gaafatamumaa akka fudhate beeksuusuun isaa gabaasameera.

Ugaandaa fi RDK garee dhaabata Islaamiki Isteet jedhamuuf naanoo sanatii Umna Dimokraatawaa gurmaa’ee ykn ADF jedhame beekamu irratti bara 2021 kaasee waraan waloo labsuun isaanii gabaasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:19 0:00
More
XS
SM
MD
LG