Waraanni Israa’el Roobii har’aa iddoowwan hidhattoota Hamaas Gaazaa keessatti argaman irratti qiyyaafachuu dhaan haleellaa qilleensa irraan geggeessee jira, akkasumas haleellaa keellaalee waraanaa Siiriyaa irratti raawwachuu ibseera.
Waraanni kun akka jedhetti haleellaan Gaazaa kan irratti fuuleffate holqa Hamaas dabalatee, kuusaa meeshaa waraanaa fi buufata bakka irraa misaayilli furguggifamu ta’uu ibseera.
Miidiyaaleen mootummaa Siiriyaa akka jedhanitti haleellaa Israa’el bulchiinsa Daraa keessatti raawwatteen, loltoonni Siiriyaa saddeet ajjeefamuu fi 7 madaa’uu isaanii ibsaniiru. Waraanni Israa’el akka jedhetti, jeettiiwwan ishee haleellaa kana kan gaggeessan rookeetota Siiriyaa irraa gara Israa’elitti darbamaniif deebii kennuudhaani.
Haleellaan daangaa qaxxaamuraa kun kan raawwatame yeroo waraanni Israa’el fi Hamaas gara waldhabdee naannoo bal’aa ta’ett ce’uu danda’a jedhamee yaaddoon uumameetti. Israa’el hidhattoonni Hizbullaah Iraaniin deeggaraman Libaanoon keessa jiran, waraana kanatti akka hin makamne akeekkachiifteetti. Hogganaan Hizbullah Hassan Nasrallah roobii har’aa hoggantoota olaanoo Hamaas fi Jihaada Islaamaa mariif keessummeessuun isaanii ni yaadatama. Ibsi ba’e akka jedhutti hooggantoonni kun dura dhaabbannaa dhimma Gaazaaf injifannoo galmaan ga’uuf maal gochuu akka qaban irratti mari’ataniiru.
Dhaabbanni gargaarsa baqattoota Falasxiin kan Tokkummaa Mootummootaa, boba’aa hatattamaa yoo hin arganne, Roobii har’aa ganama hojii Gaazaa keessatti hojjetu dhaabuuf dirqamuu akka danda’u akeekkachiiseera. Torban kana keessa Masrii irraa gargaarsi marsaa hedduun Gaazaa kan gahe yoo ta’u, angawoonni garuu baay’inni isaa fedhii Falasxiinota hanqina nyaataa, bishaanii, qorichaa hamaa keessa jiran guutuuf baay’ee gahaa akka hin taane ibsaniiru. Gargaarsi kun boba'aa of keessaa hin qabu. Ejensiin Gargaarsaa fi Hojii Tokkummaa Mootummootaa kan Baqattoota Falasxiin Baha akka jedhetti namoonni gara kuma 600 ta’an qe’ee isaaniitii baqatanii booda keellaalee isaa Gaazaa 150 keessa qubatanii jiru. Ministriin eegumsa fayyaa kan Hamaasiin geggeessamu kaleessa akka jedhetti Gaazaa keessaa lakkoobsi namoota du’anii 5,791 yoo ta’an irra hedduun isaanii dubartootaa fi ijoollee dha. Mootummaan Israa’el immoo namoonni 1,400 du’uu isaanii fi irra hedduun siiviloota ennaa haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 raawwate ajjeefamani jedhee jira.
Forum