Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prizidaant Joo Baayiden Hayyoota Saayinsii Teeknooloojii fi Kalqaaf Beekkamtii Kennuun Badhaasan


Faayilii-Pizidaant Joo Baayiden Meedaalii Saayinsii Biyyoolessaa Dr. Gabbisaa Ejjetaa Waayit Haaus Keessatti Sirna Geggeessame irratti badhaasan
Faayilii-Pizidaant Joo Baayiden Meedaalii Saayinsii Biyyoolessaa Dr. Gabbisaa Ejjetaa Waayit Haaus Keessatti Sirna Geggeessame irratti badhaasan

Pireezidant Joo Baayiden dhalootaan Itoophiyaa kan ta’an piroofeesara kabajamaa horsiisa biqiltootaa fi jeneetiksii Dr. Gabbisaa Ejjetaa saayinsii jeneetiksii biqiltootaaf gumaacha olaanaa taasisaniif Meedaaliyaa Saayinsii Biyyaalessaa badhaasuu isaanii ibsi Waayit Haawus irraa bahe beeksiseera.

Gosoota midhaan Bisingaa gogiinsa fi ilbiisaawwaan dandamatan qopheessuun Dr. Gabbisaan wabii nyaataa miiliyoonaan lakkaa'amaniif akka fooya’u taasisanii jiran. Saayinsii, imaammataa fi dhaabbilee akka furtuu guddina dinagdeetti leellisuun isaanii carraa qonnaan bultootaa ol kaasee jireenya sabootaa cimseera. MeedaaliyaanSaayinsii Biyyaalessaa beekamtii olaanaa Ameerikaan saayintistootaaf kennitu dha.

Profeeser Gabbisaatti dabalee meedaaliyaa saayinsii biyyaalessaa kana hayyoonnii saayinsii yuniversiitii Ameerikaa adda addaa irraa badhaafamaniiru. Itti dabaluu dhaanis Yuniversitiilee fi waaltaalee adda addaa irraa hayyoonni badhaasa teeknooloojii fi kalaqaa badhaafamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:40 0:00
More
XS
SM
MD
LG