Jiraattonni ganda Shaaraa nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan, naannoo Arbaaminci aanaa Shaaaraa keessatti Hagayya 18 bara 2015 qabee walitti bu’iinsi jiru miidhaa guddaa dhaqqabsiisuu isaa ibsuu dhaan, araaraan furuu dhaaf waamicha taasisame irratti jaarsummaan gidduu seenuuf kan argaman jiraattonni gandichaa, araarri sun akka xumurameen aadaa fi dudhaa Gaammootiin ala humnoota mootummaan qabamanii hidhamuu isaanii dubbataniiru.
Walitti bu’iinsa ganda Shaaraan wal qabatee bulchiinsi Godina Gaammoo yakkaan shakkamaniiru jechuu dhaan jiraattota gandattii 200 ol keessaa 35 hambisee kaan baatilee hedduuf erga tursiisee booda walaba gad dhiisamuu isaanii jiraattonni gandichaa VOAf ibsaniiru.
Yeroo amaa kanneen jaarsummaa kaleessaa irratti qabaman waliin namoonni 79 manneen hidhaa magaalaa Arbaaminc jiru lama keessatti hidhamanii jiraachuu isaanii illee dubbataniiru
Mootummaa godinichaa irratti himannaa fi qeeqa dhiyaate ilaalchisu dhaan deebii fi odeeffannoo dabalataa argachuuf itti gaafatamaa nagaa fi nageenya godinaa Gaammoo obbo Wandimmuu Kuunsaa fi itti gaafatamaa poolisii godinaa komaander Deggifee Dabalaa bilbila isaanii waan hin kaasneef yaada gama isaanii dabaluu hin dandeenye jechuu dhaan Yonatan Zebidwoos gabaaseera.
Forum