Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manneen Barnootaa Naannoo Tigraay Hedduun Buqqaatootaan Waan Guutamaniif Barattoonni Barnoota Irraa Citanii Taa’u


FAAYILII- MAQALEE, TIGRAAY
FAAYILII- MAQALEE, TIGRAAY

Naannoo Tigraya keessa manneen barnootaa hedduun namoonni qe’ee ofii irraa buqqa’an waan keessa jiraataniif, barattoonni barnootaa ala ta’aniiru jechuu dhaan waajjirri barnootaa naannichaa ibsee jira.

Itti gaafatamaan waajjira barnootaa kan naannoo Tigraay Dr. Kiiroos Gu’iish VOAf akka ibsanitti, naannoo sana keessatti kan argaman manneen barnootaa 2,492 keessaa 940 qofaatu naannoo bulchiinsi yeroo to’atu keessa jira jedhan. kanneen keessaas manneen barnootaa 110 waaltaa namoonni qe’ee irraa buqqa’an keessa jiraatan ta’eera jedhan.

Manneen barnootaa 110 Shiraaroo, Shire Indaassillaasee, Aksum, Adwaa Addigraat, Abi’I Addii, Maaycewuu fi magaaalaalee xiqqoo naannoo jiran qubsuma baqattootaa ta’aniiru. Manneen barnootaa kana keessatti barachuun kan irra ture barattoonni kuma 200 ta’an illee mana barnootaatti hin deebine jedhan.

Magaalaa Maqaleetti kan argamu manni barnootaa sadarkaa lammaffaa Hadinnet waggoota sadan darbaniif waaltaa buqqaatotaa ta’ee jira jedhaniiru.

Itti gaafatamaan biiroo barnootaa naannoo Tigraay Dr. Kiiroos Gu’ish, manneen barnootaa waaltaa guqqaatotaa ta’an keessaa barataa kan turan qofa utuu hin taane, naannolee humnoonni Eertraa fi Amaaraa qabatanii jiran keessa kanneen jiran manneen barnootaa 552 keesssatti barachuun kan irra ture barattoonni kummi 800 mana barnootaa ala jiraachuu ibsaniiru. Manneen barnootaa kun manca’uu irraa akka oolan gochuuf buqqaatonni gara qe’ee ofiitti deebi’uu dhaan barattoonni barnootatti deebi’uu akka qaban illee dubbataniiru.

Waajjirri qindeessa gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa OCHAN illee Tigraay keessaa buqqaatonni manneen barnootaa Tigiraay keessaa 106 keessa qubatanii waan jiraniif barattoonni kuma 163 barnootaa ala ta’uu ibsee jira. Jarmayaan gargaarsa daa’immanii UNICEF gama isaan gabaasa baaseen Itiyoophiyaa keessaa ijoolleen miliyoonni 7.6 mana barnootaan ala jiraachuu isaanii ibsee jira jechuu dhaan Mulugeta Atsbeha Meqelee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG