Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababaa Hanqina Roobaan Naannoo Amaaraa Godina Waaghimraa Keessaa Beeladaaleen Du’uu fi Namoonni Beela’an Jiraachuu Angawoonni Ibsan


NAANNOO AMAARAA
NAANNOO AMAARAA

Naannoo Amaaraa godina Waaghimraa aanaa Sehaalaa Seyyemt jedhamu keessaa hanqina roobaa waggaa oomishaa kan bara 2015/16 hordofee hongee hamaa mudateen, beeladaaleen kuma 4 ol dhumuu isaanii fi namoonni miliyoonaan laka’aman naannolee hollaatti baqachuun isaanii ibsamee jira.

Itti gaafatamaan waajjira ittisa balaa fi qindeessa wabii nyaataa obbo Mihiret Melaakuu har’a VOAf akka himanitti, jaarmolii gargaarsaa fi waaltaalee mootummaa irraa kan walitti dhufan gareen qorannaa 22 gara naannoo sanaa dhaquun qorannaa geggeessaniin aanaa sana keessa rakkoo guddaan jiraachuu mirkaneessaniiru.

Jiraattonni aanaa sanaa akka jedhanitti ganna darbe roobii waan hin roobnee fi ofii isaanii fi beeladaaleen isaanii waan nyaatan akka hin qabaanne dubbatu. Sababaa hongeen kan ka’e holloonni isaanii du’u kan dubbatan qonnaan bulaan aanaa Sehaalaa Seyyemti ganda Mishaa obbo Dessee Fentee, beeladaaleen isaanii waan du’aniif jireenyi keenya itti aanu abdii hin qabu jedhan.

Hongee aanaa kana mudateen beela dhaqqabe jedhameen namoonni hedduun miidhamuuf du’uu akkasumas sababaa beela hamaan kan ka’e aanaa Bilaazaa jedhamu keessaa namoonni ja’a du’uu bulchaan ganda sanaa obbo Maalledee Birree VOAf ibsaniiru. Gareen qorannaaf gamas dhaqe illee isuma kana mirkaneessee jira.

Itti gaafatamaan waajjira ittisa balaa fi qindeessa wabii nyaataa obbo Mihiret Melaakuu midhaan gargaarsaa ergame gamas dhaqqabee raabsamuu isaa fi garuu ga’aa miti jedhan jechuu dhaan Asteer Misgaanaaw gabaasteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG