Walfalmii torbaaniif taasifamaa ture booda, Afaan-yaa’ii mana marichaa ta’anii sagalee 220 fi 209 caalmaa argatanii kan filataman miiseensa paarti Ripaabilikaanotaa fi bakka bu’aa kutaa Luuziyaanaa kan ta’an Maayik Joonseni.
Onkoloolessa 3 bara 2023 ergaa afaan Yaa’ii duraanii Keeven Maakartii aangoo irraa kaafamanii booda manni maree bakka-bu’ootaa caalmaa miseensota paartii Rippabilikaanotaatiin dursamuu guyyoottan 22f afaanyaa’ii malee waan tureef hojiin mootummaa lamishaa’e ture.
Manni-marichaa erga afaanyaa’ii argatee booda gargaarsaa meeshaa waraanaa Israa’eli fi Yuukreeniif taasifamu Biiliyoonii 100 Biiliyooni 6 isa prezidaant Joo Bayideniin gaafatame irratti sagalee kenna jedhamee eegama.
Forum