Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Isiraa'eel Loltoonni Isaa Waraansa Lafoo Gaazaa Keessatti Taasisuu Dubbate


Israa'el dugdee Gaazaa keessatti waraana lafoo geggeessuu ishee beeksiste
Israa'el dugdee Gaazaa keessatti waraana lafoo geggeessuu ishee beeksiste

Humni Waraanaa Israa’eel Kamisa har’aa akka beeksisetti haleellaa humna lafoon garee Hamaas Gaazaa irratti fudhachuu jalqabeera jedhe. Israa’eel torbaanoota Sadiif haleellaa humna qilleensarraan Gaazaaarrattii fudhachaa erga turteen booda kan humna lafoon tarkanfii fudhachuu jalqabuu ishee kan beeksiifte. Halleellaa humni lafoo waraanaa Israa’el jalqabeenis seliiwwan Shororkeessummaa, bu’uuraalee misoomaa isaanii fi bakkoota misaa’eelii farra taankii itti darbatan hedduusaa rukkuteera jedheera. Tarkaanfii ammaan milkaa’uu kan ibse Humni waraanaa Israa’eel lola itti aanuuf qophaa’uuf kun sadarkaa tokkos jechuun ibseera.

Onkololeessa 7 gareen Hamaas haleellaa Israa’eel irratti raawwate hordofee Israa’eel keessatti namoonni 1400 du’aniiru. Tarkaanfii kanaaf deebii kennuu kan jalqabde Israa’eel humna qilleensarraan Gaazaarratti tarkanfii fudhachaa turuun cinaatti loltoota lafoo Kuma 300,000 ta’an naannoo daangaa Gaazaarratti qubachiiftee ture. Ministirri Muummee Israa’eel Beenjaamiin Natan yaahuu Roobii kaleessaa ergaa karaa fodaa Teleevizhiiyoonaan dabarsaniin Israa’eel weerara lafarraa raawwachuuf qophoofteetti . Yoom, Akkamiin ykn hanag kamiin kan jedhu ibsuurraa garuu of qusatanii ture.

Israa’eel haleellaa lafoorraa kana fudhachuu osoo hin jalqabiin dura namoonni nagaan naannoo Gaazaa gara Kaabaa keessa jiraatan gara Kibbaatti akka baqatan akeekkachiiftee ture. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessituun gargaarsa namoomaa Paaleestiin keessaa Len Hestiingis Kamisa kana ibsa kenniteen akeekkachis Isree’eel namoonni naannoo Gaazaa Kaabaa keessaa akka ba’an kennite homaa jijjiirama fideeru hin qabu anmoonni durumaanuu garattii baqatan hin qabne ammayyuu achuma keessa jiru jetteetti. Kunis Gaazaan keessi bakki kamiyyuu nagaa hin qabu jechuun ibsite.

Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetsi Joo Baayideen Roobii kaleessaa masaraa Waayit Haawusitti ibsa kennaniin fedhiin Yuunaayitid Isteetsi yeroo dheeraaf barbaadamaa ture Paaleestiinii fi Israa’eel mootummoota adda ta’anii of danda’anii akka jiraataniif deeggarsa isaanii ibsaniiru. Hawwiin Paaleestinootaa bira darbamuu hin danda’amu kan jedhan Baayideen Israa’eeloonnii fi Paalestiinoonni nageenya wal qixaa , kabajaa fi nagaadhaan wal cinaa jiraachuun isaaniif malsa jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG