Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Sudaan Waraansa Baqatanii Kaaba Biyyattii Keessa Jiran Dhabinsa Gargaarsaan Rakkoo Hamaa Keessa Akka Jiran Himatan


Lammiwwan Sudaan Waraansa Baqatanii Kaaba Biyyattii Keessa Jiran Dhabinsa Gargaarsaan Rakkoo Hamaa Keessa Akka Jiran Himatan
Lammiwwan Sudaan Waraansa Baqatanii Kaaba Biyyattii Keessa Jiran Dhabinsa Gargaarsaan Rakkoo Hamaa Keessa Akka Jiran Himatan

Namoonni Sudaanirraa baqatanii Kaaba Sudaan Kibbaa keessa jiran sababaa dhaabbileen gargaarsaa bakkoota sana hin dhaqqabiin jiraniif gargaarsa hatattamaa dhabuun rakkachaa jiru jedhame.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti kan dhimma baqattootaa namoonni Sudaanirraa waraana baqatanii Sudaan Kibbaa keessa jiran gargaarsa namoomaa ariifachiisaa dhaqqabsiisuuf akka rakkate beeksiise.

Umjuma Achool bara 2016 Sudaan Kibbaa keessatti jeequmsa ka’ee ture baqattee ture. Jlaqaba buufata baqattootaa Itiyoophiyaa naannoo Gambeellaatti baqachuu kan ibsite Umjuman boodarra gara Sudaanitti baqachuu ibsitee Ammas ji’a Eebilaa keessa waraanni Sudaan keessatti ka’uu isaa hordofee Sudaanirraa deebitee gara Sudaan kibaatti baqachuuf dirqamteetti. Namoonni baay’een lola Sudaan keessaa baqachuun dangaa Sudaan kibbaa gama Jodaa jiruun gara Sudaan kibbaatti seenaa jiru. Yeroon isaa yeroo roobaa ta’uu fi arjoomtoonni gargaarsa namoomaa fandii ga’aa dhabuu irraan kan ka’e haalli baqattootaa kun hedduu rakkisaa ta’uu dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dhaabbanni dhimma baqattootaa UNHCR beeksiiseera.

Erga waraanni Sudaan keessaa jalqabee ji’oonni Ja’a kan darban yommuu ta’u hanga ammaatti namoonni miiliyoona 6 qe’ee isaaniirraa buqqa’uus dhaabbanni kun beeksiiseera. Haala amma Sudaan keessatti mul’achaa jiruun waraanichi xumura argachuun isaa mul’ataa waan hin jirreef namoonni qe’ee isaaniirraa buqqa’anii biyyoota ollaa kanneen akka Wlataa Rippaabulika Afiriikaa, Chaad, Masirii Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa keessa jirani fi kanneen ammayyuu gara biyyoota kanneeniittio godaanaa jiran gargaarsa namoomaa barbaadu.

Haalli waraanichaa fi buqqatiin akkuma itti fufee yommuu jiru kanatti Hanqinni maallaqaa, qaqqabummaa gaarii dhabuu fi bu’uuraaleen misoomaa gahaan dhabamuun dhaabbileen gargaarsa namoomaa kennen balaa tasaa kanaaf deebbii kennuu akka rakkatanis ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG