Godina Gonder kaabaatti kan argamu aanaa Amooraa keessatti barattoonni Kuma 17 barnootarra turuu kan ibse hoogganaan biiroo barnootaa aanichaa fi bakka bu’aan bulchaa aanichaa Obbo Habtaamuu Haayiluu naannichatti gogiinsa mudateen sababa goginsaan barattoonni baay’inni isaanii Kuma 12 ta’an barnoota isaanii addaan kutaniirum jechuun sagalee Ameerikaatti himaniiru. Barattoonni kunneen daree barnootaa isaaniirrratti akka hin argamneef sababni inni jalqabaa maatiin sababaa gogiinsaan waan hin oomishneef meeshaalee barnootaa ijoollee isaaf dhiyyeessuun itti ulfaachuu fi akkasumas barattoonni nyaata osoo hin argatiin daandii dheeraa deemanii barachuun waan itti ulfaateefis jedhaniiru. Aanaadhuma kanatti barataa Kutaa 8ffaa akka ture kan hime barataa Amlaakee Indaalee baratee Doktara ta’uun hawwii isaa ta’uu kan himan amaatiin amma barnoota daan kuteera gara naannoo biraatti deemuufis karoorfateera jedhu maatiin isaa.
Aanaa Jaan Amooraatti barsiisaa sadrkaa tokkoffaa fi to’ataa ta’uu isaanii kan himan Barsiisaa Warquu Tsahaay maatiin ijoollee isaa gara mana barumsaatti erguu kan hin barbaadne ijoolleen waan beela’aniif daandii dheeraa deemanii gara mana barumsaa dhuufuun waan isaanitti ulfaatuuf jedhan.
Biroo ittisa balaa naannoo Amaaraatti dubbi himaa kan ta’an Obbo Birhaanuu zooduu naannoorraas ta’e mootummaa Federaalaarraa midhaan gargaarsaa fe’aa kan jiran ta’us haala rakkoo nageenyaa naannicha keessa jiruun namoota rakkataniif akka hin qaqqabne taasiiseera jechuun sagalee Ameerikaaf Ibsaniiru jechuun Bahiirdaar Irraa Asteer Misgaanawuutu gabaase.
Forum