Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministaraa Itiyoophiyaa Biyyattiin Karaa Waraanaa Galaana Diimaa Irraa Dantaa Argachuu Akka Hin Feene Dubbatan 


Faayilii-Muummicha ministeera Itiyoophiyaa
Faayilii-Muummicha ministeera Itiyoophiyaa

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad har’a guyyaa agarsiisa humna waraanaa waggaa 116ffaa Finfinneetti kabajame irratti dubbii dubbataniin Itiyoophiyaan dantaa ishee karaa waraanaa kabajachiifattu hin jiru jedhan.

Abiyyi Ahimad kanaan dura dubbii dubbatanii karaa sabaa himaalee biyya keessaan tamsa’een Itiyoophgiyaan hulaa galaanaa barbaaddi jedhanii dubbataniin galaana diimaa humnaan qabachuuf deemti kan jedhi sodaa naannichatti waraanni ka’aa uumee jiru kanaaf deebii yommuu kennanidhas jedhameera.

Nagaadhaan waliin jiraachuuf yoo karoorfanne karaa madaalawaa ta’een walirraa qooaddachuu barbaaduu qabna. Waanti ani isiniif mirkaneessuu barbaadu garuu Itiyoophiyaan dantaa fi fedhii ishee karaa waraanaa taasiftu hin jiru jedhaniiru. Itiyoophiyaan moo’amtee hin beektu gara fuula duraattis hin moo’amtu kan jedhan Abiyyi dubbii isaanii har’aa keessatti ,biyya kamiyyuus weeraartee hin beektu gara fuula duraattis hin weerartu jechuun ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG