Gamtaan Awurooppaa walga’ii mootumootaa marsaa 78ffaa irratti ibsa kenneen karaa mirgaa hawaasuummaa, keessumaa mirgaa barnootaa fi fayyaa, akkasumas mirgaa dubartootaa irraatti Eertiraan fooyya’insaa agarsiisuu ishee akka tarkaanfii gaaritti fudhachuu isaa ibsee jira.
Haa ta’uu malee akka gabaasaa Raappoorteraa Addaa gamtaa Awuroopaati mirgaa namoomaa yeroo amma Eertiraa keessaa jiruu ilaachisee yaaddoon guddaan akka jirus ibsamee jira. akka gabaasni kun jedhetti, ammas Eertiraa keessatti seeraan alla hidhamuuniifi achii buuteen namaa dhabuun akka itti fufeetti jira. Haluuma Kanaan walqabatee mootummaan Eertiraa namoottan bakka buuteen isaanii hin beekamenee essa akka jiran akka ibsuu gaafatee jira. keessumaa carraan lammilee jibuutii wareen hidhaamtootaa waraanaa ta’anii mootummaa Eertiraatiin qabaman 13 akka isa yaaddesu ibsee jira.
Dhimmaa Itiyoophiyaatin walqabateenis, mootummaan Eertiraa waraanaa isaa daangaa Itiyoophiyaa kaabaa Tigraay keessatti hafaniiru jedhee akka baasuu gamtaan Awurooppaa gaafachuun isaa gabaasameera.
Forum