Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walittib'insi Naannoo Amaaraa Keessatti Itti Fufee Jiraachuu Fi Namoonni Nagaan Miidhamuu Jiraattonni Sagalee Ameerikaatti Himan  


NAANNOO AMAARAA
NAANNOO AMAARAA

Naannoo Amaaraa bakkaawwan godinaalee walloo kaabaa fi Goojjam bahaa argaman keessatti dhiheenyaa kana walti bu’insaa umnoottan mootuumaa feederaalaa fi garee hidhaattotaa Faannoo giduutti taasifamaa jiruun nammootan nagan ajjefaamaa jiraachuu isaanii jiraattonni sagalaa Amerikaatti himanii jiru.

Maagaala Dassee irraa kiiloomeetirii 60 faggatee kan jiruu naannoo magaala Marsaatti kaleessa malee dheengada lolli umnoottan mootummaa fi hidhatootaa gidduutti jalqabamee amma kaleessaa saafaatti itti fufee akka turee jiraattonni maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Haaluma walfakaatuun godina Goojjama bahaa aanaa Inaarji Inaawugaa naannoo magaala Debre worq bakka Xeezaa jedhamutti sambata darbee lola taasifameen namoonni nagana ajjeefamuu isaanii namootaan naannoo Sanaa baqatanii magaalaa Debre Maarqoos keessa qubatan sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Naageenyaa naanichaa ilaalchisee dhiheenyaa kana magaala Debre Marqoos keessatti walgahii taasifamee irratti haasaa kan godhan ajajaan waraanaa mootummaa kan ajaja bahaa Letenaa jeeneraal Mohaamed Tasammaa, loltoonii mootummaa seeraa cabsanii yoo namoottan nagaa irraatti miidhaa geessisan tarkaanfii adabbii irratti fudhanna jechuu isaanii Masfin Arraagee Dassee irraa gabasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG