Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Yeroofii Ka Naannoo Tigiraay Walga'ii Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay Booritti Waame Akka Hin Ehamiin Ibse 


Asxaa mootummaa Yeroo kan Tigiraay
Asxaa mootummaa Yeroo kan Tigiraay

ABUT kamisaa kaleessaa ibsa fuulaa Midiyaa hawaasa Fees Buuki irratti baaseen Sambataa borii Onkoloolessa 28 bara 2023 magaalaa Maqalee keessatti walgahiin dabbalootaa dhaabichaa kan walii galaa akka taasifamuu beeksisee jira.

Prezidaantin Bulchiinsaa yeroo kan naanoo Tigraay obboo Geetacheewu Redaa dhimma kan irratti jimaata har’aa ibsaa kennaniin gochii tattaaffii ummanni Tigraayi rakkina keesaa bahuudhaaf taasisaa jiru gufachiisu dhaabachuu qaba jeedhaniiru. Walgahii boriif waamamee irratis akka waliigalteen hin jirre kan ibsan obbo Geetachooun Warren hojii mootummaa gufachiisuuf yaalan irrattis tarkaanfiin ni fudhatamaa jedhaani jiru.

Ergaa obbo Geetachoon ibsaa kana kennanii boodaa duraa taa’aa partichaa kan ta’an Dokteer Debree Tsiyoon Gebremikaa’el irraa ibsii miidiyaa hawaasaa irratti bahe, walga’ichi koree hojii raawachiiftuu dhaabatiichaatin waligaltee dhaan waan murtaa’eef nitaasifama jedheera. Dhimma kana irratti ibsa dabalataa mootummaa naanchaa fi ABUT irraa argachuu dhaaf yaaliin tasifamee akka hin milkoofne Mulugeeta Atsibahaa Maqalee irraa gabasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG