Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Ka Buqqaatota Ilaalchisuun Kan Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Ibse Qeeqe


Asxaa mootummaa Yeroo kan Tigiraay
Asxaa mootummaa Yeroo kan Tigiraay

Komishiniin Mirga namoomaa Itiyoophiyaa walii galtee Piriitooriyaan booda kaaba Itiyoophiyaatti namoonni qe’ee isaaniirraa buqqa’an gara qe’ee isaaniitti deebi’aniiru jechuun gabaasni baase itti gaafatamummaan kan itti hir’ate jechuun komate bulchiinsi yeroo kan naannoo Tigiraay. Bulchiinsi Yeroo kan naannoo Tigiraay Ibsa kaleessa galgala baase keessati gaabaasni Komishinichi dhiyyeesse sababaa wal waraansaan dhalattoonni Tigiraay qe’ee isaaniirraa buqqa’anii turan gara qe’ee isaaniitti deebi’anii gargaarsa namoomaas argataa jiru kan jiru dogoggora jechuun ibseera.

Bulchiinsi Yeroo naannoo Tigiraay namoonni Miiliyoonootaan lakkaa’aman gara qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif yeroo gafaachaa jirutti Komishinichi gabaasa akkasii baasuun isaa gidiraa Uummata Tigiraay irratti baacuu fi uummata Addunyaas hojii dogoggorsuuti jedheera. Mootummaan Federaalaa caasaa isaa keessaa gabaasni akkasii yommuu ba’u haala deemsa nagaa sanaa kan fashalsu akkasumas wal amantaa kan hir’isu waan ta’eef tarkaanfii fudhachuu qabas jechuun bulchiinsi Yeroo naannoo Tigiraay gaafateera.

Dhimma kanarratti deebii akka kennaniif sagaleen Ameerikaa kan gaafate Itti aantuu Komishinii mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Raakeeb Melles gabaasichi naannoo Tigiraay kan hin hammanne ta’uusaa ifatti kan agarsiisuudha jetteetti jechuun Maqaleerraa Muluugeetaa Atsbahaatu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG