Muummichi Ministaraa Isiraa’el Benjaamiin Netanyaahuu Waraansi Gaazaa marsaa haaraan jalqabeera, yeroo dheeraa ka fudhatuu fi ulfaataas ta’a jedhan. Netaanyahuun Sanbatata xiqaaa galgala kana ergaa uummata biyya isaaniif dabarsaniin kana ka dubbatan yoo tahu humni waraanaa isaanii haleellaa isa marsaa lammaffaa Hamaas irratti fudhatu karaa lafoo, humna galaanarraa fi qilleensarraan jalqabuu isaa ifoomsan. Ibsa kana keessattis lola kana kan lolluuf biyyi keenya lubbuun akka jiraattuuf gochuufidha, jedhanii weerara lafa naannoo sanatti taasifamu caalaatti haleellaan alanaa cimuu akka malus akeekachiisaniiru.
Filannoon akka uummataatti qabnu lama qofa, kunis gochuu yokaan du’uu dha kan jedhan Beenjaamin Netaanyahuu, amma qormaatichi nu mudateera. Haala kamiin akka xumurrurratti shakkii hin qabu. Ni hojjenna, ni mo’annaas jedhan.
Boombiin Gaazaarratti darbatamaa jiru hedduu hamaa akka ta’e jiraattoonni Gaazaa ni ibsu. Waraanichi cimaa deemuurraa kan ka’e namoonni miiliyoona 2.3 kanneen Gaazaa keessa jiraatan sararri Komuunikeeshinii kamiyyuu isaanirraa cituun Addunyaarraa addaan citanii jiru.
Fakkiiwwan humni Waraanaa Israa’eel gadhiiseen Taankiiwwan bakka bal’aa ykn diida Gaazaa keessa suuta deeman garuummoo naannoo daangaa irraa kan fakkaatu baaseera. Itti dabalaanis xiyaaroonni waraanaa bo’oowwan Hamaas qoteeruu fi baankiiwwan isaa lafa jalaa hedduu barbadeessuu isaas humni waraanaa Israa’eel ibseera.
Onkoloolessa 7 Gaazaarraa gaafa Hamaas haleellaa gara Israa’elitti raawwateen namoonni nagaa hedduunii fi humnoonni waraanaa Israa’eel hedduun akka du’aniif sababa ta’e gara daangaa biyyoota baha gidduu galeessaa hedduurratti walitti bu’insi akka jiraatuuf sababa. Gareen Hamaas haleellaa raawwachuu isaan alattis namoota nagaatti kallattiin dhukaasuu fi butanii hidhuunis qaama tarkaanfichaa ture. Ministirri Muummee Israa’eel har’a maatii warra Gaazaa keessatti hidhamanii jiru jedhamanii quunnamuun alattis ibsa Teleevizhiyoona mootummaa Israa’eeliin kennaniin Israa’eel namoota booji’amanii jiran hunda ni deebisti, tarkaanfiin amma lafarratti fudhachaa jirrus ergama keenya kana ba’achuudhaaf nu gargaara jedhanii, waan ta’aa jiru hunda himuu hin danda’u hojii keenya nu jalaa gufachiisuu mala waan ta’eefis jedhan.
Haleellaa isa marsaa lammaffaa kanaan kaayyoon keenya ifaadha kan jedhan Beenjaamiin , “Humna waraanaa diiguu fi mootummaa ta’ee jiraachuu Hamaas dhabasiisuu , akkasumas booja’amtoota gara mana isaaniitti deebisuu jedhaniiru.
Dubbii isaanii har’aa keessatti seenaa Jewushootaa fi lola humna waraanaa isaaniirratti kan xiyyeeffate, fuldureen Israa’eelis akkuma seenaa keenyaa diinoota keenyarratti moo’ichadha jedhan.
“ Gootonni loltoota keenyaa kaayyoo ol aanaa tokko qabu . Innis diina keenya isa ajjeesaa balleessuu fi lafa keenyarra jiraachuu akka dandeenyu mirkaneessuudha.Yeroo hundaa lammata gonkumaa jenna. Lammata gonkumaa inni jennu amma.” jedhan.
Gaafa Onkolooleessa 7, 2023 haleellaa Hamaasiin namoonni 1400 du’uu kan mirkaneessan Beenjaamiin Neetanyahuu qorannoon barbaachisu ni taasifama.sanaaf namni kamiyyuu ana dabalatee gaaffii deebisuu qabna jedhan.
Waraanni Israa’eel haleellaa Gaazaa keessatti fudhachaa jiruun lafa bal’ifachaa jiraachuusaa ibsee weerara hunda galeessa jedhaa ture sana garuu jechuu dhaabeera. Dubbii himaan humna waraanaa Israa’eel Daani’eel Hagari karoora qindaa’aa ta’een waraana marsaa itti aanuu itti fufna jechuun ibsaniiru.
Halleella Israa’eel fudhachaa jirtuun alattis hidhattoonni Falasxiin Rookkeettiwwan gara Israa’eelitti dhukaasuu itti fufaniiru. Israa’eel gara kibbaarraan Rookkeettiin dhukaafamanii dhufuu mallattoowwan of eeggaannoo fi yeroo ariifachiisaa yeroo iyyan ni dhaga’amu.
Namoonni Falasxiin keessaa hanga ammaatti du’an 7,700 ga’uu isaanii sanbata xiqqaa har’aa ministirri fayyaa Gaazaa ifoomseera. Sararri Komuunikeeshinii kamiyyuu addaan cituu isaarraa kan ka’e jiraattoonni karaatti Ambulaansii fayyaa waammatanis hin qaban garuu yeroodhaa yerootti yeroo xiyyaarri waraanaa boombii darbatu sagaleen isaa ni dhaga’ama jedheera ministirri fayyaa Gaazaa.
Forum