Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haaleellaa Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Keessaa Ilaalchisee Komishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Ibsa Baasee Jira


Faayilii -Komiishina mirga namaa Itiyoophiyaa
Faayilii -Komiishina mirga namaa Itiyoophiyaa

Bulchiinsa Naannoo Amaaraa keessatti haleellaa samii irraa gaggeeffamu dabalatee, meeshaalee gurguddoon namoota nagaa ajjeesuun itti fufuu isaa, Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa ibsee jira.

Komishinni kun, haala yeroo ammaa bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa jiru ilaalchisee har’a ibsa baaseen, humnootii mootummaan seeraan ala ajjeechaa raawwataman fakkeenya dhiyeessee jira.

Komiishiina kana keessatti kutaa mirga namoomaa hordofuu fi qorannaa gaggeessuu Daayreekteera olaanaa kan ta’an Dr. Mizaanee Abaata haala amma jiruun komiishinichii guutuummaan qorannoo gaggeessuu akka hin dandeenye ibsanii, Midhaan dhaqqabe itti fuufiinsaan qorannoo gaggeeffamuun kan qulqulleefamu ta’u ibsan.

Onkoloolessa 18, bara 2023 magaalaa Debremarqoos keessatti, haleellaa dirooniin raawwatameen, lubbuun namoota nagaa saddeet akka darbeuu isaa komiishinni kun gabaaseera.

Dabalataanis haleellaan Dirooniin Onkoloolessa 15, 2023, aanaa Berehet keessatti raawwatameen, daa’ima umriin waggaa tokkoo fi baatii 7 dabalatee lubbuu namootaa heedduu galaafatee kanneen biros qaamaa hir’isuu isaa kan ibsee

Ibsii ba’e kun, "ajjeechaa seeraan ala humnoota nageenyaa mootummaatiin" bakkeewwan adda addaatti raawwataman dabalatee dararaa gabaafames ibsee jira.

Komishinarri Olaanaa Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Dr. Daani’eel Baqqalaa, walitti bu’iinsa kanaaf furmaata waaraa argamsisuuf, carraan karaa nagaa jiran gargaaramuun barbaachisaa ta’u ibsanii jiru.

Ibsa ba’e kana ilaalchisee Deebii Ministeera komuunikeeshinii mootummaa Fedeaaraalaa argachuuf yaaliin bilbila harka isaanii irratti goonee , hin milkoofne jechuun Keeneedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG