Bulchiinsii yeroo kan Tigraay akka dhaabatuuf kan gaafatee walgahiin dabballoota Adda Bilisummaa Uummata Tigraay ykn Hiwahaat, torban lama booda akka gaggeeffamuuf dabballonni kun kaleessa akkaataa itti walgahiin kun itti waamamee irratti eega dubbatanii booda, murteessanii jiru.
Bulchiinsii yeroof jiru Dabballoota paartichaa irratti tarkaanfiin fudhate sirreeffamuu akka qabu paartiin Hiwhaat walgahii kana booda ibsa kaleessaa baaseen gaafatee jira.
Hogganoonni sadarkaa olaanaa kan paartichaa dursanii Dabballoota kana haasoofsisuu isaaniif qeeqee jira.Paartii kana keessatti rakkoo waliigaluu dhabuutu jira jedhees, afuura tasgabbaa’een gamaagamuun deemsa keessoo ofii qulqulleessuu gaggeeffamuu qaba jedha ibsi ba’e kun.
Walgahiin dabballootaa kun, yaalii uummanni Tigraay rakkoo keessaa ba’uuf gochaa jiru kan danquu ta’u kan ibsan preezidaantiin bulchiinsa yeroo Obbo Geetaachoo Raddaa, kunis dhaabachuu qaba jedhanii turan.
Bulchiinsa yeroof hundeeffameef itti gaafatamaa waajiira Komuunikeeshinii kan ta’an Obbo Radaa’ii Haaleefoom Sgalee Amerikaaf deebii kennaiin, hirmaattonni walgahii Sanaa, hojii haanqiina obsaa qabuu fi hubannaa hin qabnee frawwatan jedhan.
Barbaachisaa taanaan, ammas ta’u mootummaan yeroo tarkaanfii fudhachuu qabuutti, tarkaanfii ni fudhata jechuu isaanii Mulugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.
Forum