Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Mootummaa Yunaayitid Isteetis Lama Baajeta Deggersaa Yukireenii Fi Isiraa'el Ka Baayidebn Gaafatan Irratti Har'a Ibsa Kennan  


Ministrii ittisaa Yunaayitid Isteetis Looyid Oostenii fi Ministrii dhimma alaa Antonii Biliinken Onkoloolessa 31,2023.
Ministrii ittisaa Yunaayitid Isteetis Looyid Oostenii fi Ministrii dhimma alaa Antonii Biliinken Onkoloolessa 31,2023.

Minsteerri dhimmaa alaa fi ministeerri ittisaa mootummaa Yunaayitid Isyttest waa’ee gargaarsaa maallaqaa Yuukireenii fi israa’elii taasifamuu qabu irratti miseensota mana maree bakka bu’otatiif akka ibsan beekamee jira.

Ministeerri dhimmaa alaa Antoonii Bilinkeni fi ministeerri Ittisaa Looyid Osten fuulee koree bakka bu’oota ummaataa isaa baajaataa eehayyamuudhaaf aangoo qabu irratti dhihaatanii kan ibsan, waa’ee barbaachisummaa gargaarsa dabalaataa Yuukreenii fi Israa’elii taasisamuu qaba jechuudhaan prezidaant Baayiden dhihessaan doolaara biiliyoona 100 fi biiliyoona Jaha akka ta’e ibsameera.

Prezidaant Baayideen weerara Raashaan Yuukreen irratti taasisaa jirtuuf waraanaa Israa’eel garee Hamaas, issaa lammilee Amerikaa umnaan butee qabatee jira jedhamuu irratti taasisaa jirtu maallaqaan deggeruun akka barbaachisuu ibsani deggersa mana maree gaafachaa jiraachuun isaanii ni beekama.

Karaa biraatin Akka maddii oduu umna qileensaa Yunaayitid Isteets jedhetti ministiroonni lamman dhimmaa gargaarsaa Yukreenii fi Israa’elii allatiis, waa’ee umnii galaanaa Yunaayitid Isteets Biriiteeni fi Awustiraaliyaa wajjin waligaletee taasifame irraati hunda’uudhaan ijaaruuf karoorfatee doonii galaanaa keessaa ykn sab Mariini meeshaa waraanaa Nuukleeraa baatu ilaalchisee gaaffiwwan dhihaataniif deebii akka kennanus beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG