Mootiin biyyaa Yunaayitid Kingdem Chaarles Sadaffaan daawwanna guyyaa Afurii taasisuudhaaf qibxata har’aa ganama keeniyaa seenanii jiru. Komishiiniin mirga namoomaa Keeniyaa mootichii akka ummataa keeniyaa dhiifama gaafatan waamichaa taasisee jira.
Mootiin Chaarles Sadaffaan hadhaa warraa isaanii mootitti Kamiilaa wajjin qibxata har’aa ganama yemuu Naayiroobii gahan prezidaantin keeniyaa Wiliyaam Ruuttoo simannaa taasisani fii jiru.
Mootichii du’a haadhaa isaanii mootitti Eelzaabeex boodaa yemmuu Afrikaa daawwtan yeroo jaqabaaf ta’uu isaa kan ibsee masaaraan mootichaa Baakingahaam, daawwannichi karaa misoomaa diinagdeetiin karaa jijjirama qileensaa fi dhimmoottan nageenyaa keeniyaa wajjin hariiroo jabeesuudhaaf akka ta’e ibsee jira.
Karaa biraatin yemmuu mootichii keeniyaa gahan, biyyi isaanii yemmuu Keeniyaa sirna bittaa jalatti bulchaa turtee, yakkaa waraanii Biriteen umaata keeniyaa irratti raawwatee fi miidhaa sirnii bittaa lammilee biyyatti irraan gaheef mootichii akka ifatti dhiifamaa gaafatan Komishiiniin mirga namoomaa keeniyaa gaafatee jira.
Hogganaan boordii komishiinichaa Daavinder Laambaa, bara dukkanaa, bara sirna bittaa keessaa wanti lammiile keeniyaa irratti raawwatamee mootummaa Birteeniin biratti sirrttii akka hin hubatamne ibsaanii, galmee dhumiinsaa raawwatee sana agarsiisuu komishiinii olaanaa mootummaa Biriteeniif dhiheesuu isaanii erga himanii boodaa, Ummanni keeniyaa badiinsaa raawwatame sanaaf dhiifaama gaafatamuu qabaa jedhaniiru.
Sirnaa bittaa bara 1901 jalqabee keeniyaa keessaa turee mormuudhaan lammiileen keeniyaa falmaa turan kumaa 90 ta’an du’anii kuma 100 fi kuma 60 kan ta’an immoo madaa’uu isaanii komishiiniin mirga namoomaa keeniyaa ibsee jiraa.
Daawannaan mootii Biriteen Keeniyatti taasisaa jiran yemmuu biyyoottan Afrikaa bara Sirna bittaa jalaa walaba bahan wagga 60ffaa kabajaa jiranutti. Mootiin Chaarles turtii isaanii guyyaa Afurii keessaatti guyyoottan lammaf erga Naayiroobii turanii booda guyyaa lama immoo magaalaa keeniyaa galaana irratti argamu Mombaasaa akka deeman gabaasameera.
Forum