Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa'el Hamaas Waliin Waliigaltee Dhukaasa Dhaabuu Akka Hin Taasisne Muummichi Ministaraa Benjaamiin Netaanyaahuu Dubbatan 


FILE : Muummicha ministeeraa Israa'el Benjamin Netanyaahuu
FILE : Muummicha ministeeraa Israa'el Benjamin Netanyaahuu

Walwaraansaa Israa’elii fi garee Paalastaayin Hammaasii wajjin Gaazaa keessatti taasifamaa jiruu akka itti hin fufne taasisuuf gaafii dhukaasa dhaabuu dhihaachaa jiru Israa’el akka hin fudhannee muummichii ministeeraa Beenjaamiin Netaniyaahuu beeksisanii jiru.

“Akkuma Amerikaan haleellaa boombii Piir Harber, haleellaa shororkeessummaa Fulbaana 11 booddee walii galtee dhukaasa dhaabuu fudhachuu didde, Israa’elis haleellaa suukanneessaa Onkoloolessa 7 booda waliigaltee Hamaasii wijjin dhukaasa dhaabuu hin fudhattu. Gaaffiin dhukaasa dhaabuu gaaffii Israa’elin Hamaasitti, shororkeessumaatti, gochaa gara jabeenyaatti harka kennisiisuti. Sun hin ta’u.” Jedahn Neta

Eegumsa siviilotaaf taasifamuu qabu irratti yemmuu waamichii dhihaachaa jiru kanatti Gaazaa keessatti haleellaa waraana lafoo kan taasisaa jiruu waraanni israa’el wixataa kaleessaa irraa kaasee gara kaabaa Gaazaatti baballachaa akka jiru ibsameera.

Erga Hamaas Israa’el irratti Onkoloolessa 7 bara 2023 haleellaa raawwatee booda rakkoon mamoomaa lammilee palastayin irraa gahaa jiru yemmuu dabalee deema jiru kannatti , lola Kanaan walqabatee namoottan lubbuu isaanii dhaban 8,300 gahuu isaatiifi isaan keessaa 3000 kan ta’an ijoolleewwan ta’uu isaanii hospiitaallii bulchiisaa hamaas jala jiruufi gaazaatti argamu ibsee jira.

Lola Kanaan lammilee Israa’eel ajjeefaman 1400 dabalatee namoottan 230 ta’n garee Hamaasiin Butamanii fudhatamuun isaanii gabaasamee jira. hogganaa waldaa kaatoliikii adduunyaa Poop Fraansisiin dabalatee biyyootan adda addaa akka lolochii dhaabaatu gaafachaa jiraachuun isaanii gabaasama jira.

Lammiilee Israa’el Hamaasiin ajjefamaaniin walqabatee, muumichii ministeeraa Israa’el Beenjaamiin Netaniyaahuu akka aangoo isaanii gad lakkisaan waamiichaa dhihaachaa jiruu akka hin fudhannee Netaniyaahuun beeksisuun isaaniis

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG