Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humni Naga-Eegumsaa Mootummoota Gamtoomanii Maalii Kaabaa Gad-Lakkisee Bahe 


FAAYILII: KIDAL, MALI
FAAYILII: KIDAL, MALI

Loltoonni mootumootta gamtoomanii nageenya kabachiisuudhaaf biyyaa dhiha Afrikaa Maali keessaatti bobba’anii jiran magaalaa Kaaba biyyaattii ti argamuu gadi lakkisanii bahuun isaanii ibsameera.

Akka maddii oduu Ajaans Fraans Prees/AFP jedhetti, umnoottan nageenyaa eegdotaa kan mootumootaa gamtoomanii magaalaa kaabaa Maalitti argamuufi bakkaa barbaachisaa ta’e Kidaali gadi lakkisanii bahuu isaanii beeksisani jiru. Gama Kaaba Maalii keessatti gareen finxaaleyitootaa fi gareewwaan jihaadistootaa lola taasisaa akka jiran nibeekama.

Fonqolchaa aangoo bara 2020 Maalii keessatti taasifamee hordoofuudhaan hoggansii loltootaa mootummaa biyyatti dhuunfate ji’a waxabajii darbee keessaa gareen naga eegdota mootumoota gamtoomani akka biyyatti gadi lakkisee bahu qabu beeksise.

Akka karooraa baafameetti loltoonni mootumootaa gamtoomanii Maalii dhaa akka bahuu kan egamaa turee dhuma bara 2023 yemmuu ta’uu, waraanichii garuu kan bahuu jalqabee ji’a Adoolessati kaasee akka ta’ee beekamera.

Dhaabanii mootumoota gamtoomaanii loltootaa fi poolisootaa 15,000 Maalii keessatti bobbaase turee keessaa 180 kan ta’an garee finxaaleyii fi garee jihaadistootaatiin akka ajjeefaman ibsameera.

Waraanii mootumootaa gamtoomanii yemuu mooraa isaa gadi lakkisee bahe konkola’atota dabalatee meeshaalee waraanaa socho’uu hin dandeenyee barbadeesee akka bahaa jiru beekameera.

Naannoo sana irratti kan hidhatanii mootummaa Maalii wajjin wal lolaa jiran Gareen finxaaleyitoota TU’AREG jedamu fi gareen jihaadistootaa Al Qayidaa dhaa wajjin hidhata qabu, akkasumas loltoonni mootummaa Maalii mooraa waraanaa fi magaalaa loltoonni mootumootaa gamtoomanii gadi lakkisee bahe qabachuudhaaf gara garaan akka fiigaa jiran gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG