Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keessaa Sababa Walitti Bu’iinsaan Namoonni Nagaa Du’uun Itti Fufuun Gabaasamee Jira


Naannoo Amaaraa
Naannoo Amaaraa

Naannoo Amaaraa godina kaaba Shawaa Efraataa fi godina dhiya Goojjam naannoo magaalaa Meraawwii keessatti guyyoota sadan darbanii qabee humna ittisa biyyaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti walitti dhukaasa taasisameen lubbuun namoota nagaa darbuu kanneen yaada isaanii VOAf kennani dubbataniiru.

Naannolee lamaan keessaa hanga har’aatti walitti dhukaasuun akka jiru kanneen kun ibsanii jiru.

Namni hojii daldalaa irratti bubba’an jiraataan magaalaa Axaayee tokko, walitti dhukaasi erga raawwatee booda namoota nagaatu ajjeefama jechuu dhaan miseensota raayyaa ittisa biyyaa qeequ.

Dhimma kana irratti hanga ammaatti gama mootummaas ta’e gama Raayyaa ittisa biyyaan deebiin kallattiin kenname jiraachuu baatus, raayyaa ittisa biyyaatti ajajaan waraana gama dhiyaa Leetenaaal Jeneraal Mehaammed Tesemmaa marii uummataa torbanneen dura jiraattota magaalaa Debire Maariqoos waliin geggeessan irratti, ergama itti kennameen alatti miseensi raayyaa ittisa biyyaa gocha akkasii raawwatu yoo jiraate tarkaanfiin akka fudhatamu dubbatanii turan.

Gama biraan magaalaa Meraawii keessaa namni yaada kennan tokko walitti dhukaasuu sana caalaa kan miidhaa nu irraan ga’aa jiru fagoo dhaa kan darbatmu meeshaa gurguddaa dha jedhan.

Akkuma kanaan komiishinni mirga namoomaa Itiyoophiyaa Onkoloolessa 19 bara 2023 tuuta oduuf ibsa kenneen, naannoo sana keessaa sababaa walitti bu’iinsi baatileef geggeeffameen namoonni diroonii dhaan ajjeefamuu, hidhattoota Faannoo deggertu jedhamuu dhaan humnoota naga eegumsa mootummaan murtii malee kan ajjeefaman jiraachuu fi itti gaafatamtoota mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran irratti ka fuuleffatan haleellaalee fi iggitamuun raawwataa jiraachuu ibsee jira jechuu dhaan Mesfin Araagee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG