Xurree ittiin seenan

Breaking News

Quunnamtiin Telefoonaa fi Interneetii Gaazaa Irraa Adda Cituun Gargaarsa Namoomaa Akka Danqe Ibsame


Quunnamtiin Telefoonaa fi Interneetii Gaazaa Irraa Adda Cituun Gargaarsa Namoomaa Akka Danqe Ibsame
Quunnamtiin Telefoonaa fi Interneetii Gaazaa Irraa Adda Cituun Gargaarsa Namoomaa Akka Danqe Ibsame

Gaazaa keessaa Jimaata darbe irraa eegalee guyyoota lamaaf qunnamtiin telekominikeeshinii guutummaatti addaan citee kan ture yoo ta’u, namoonni naannoo marfame kana keessa jiru kan miliyoona 2.3 ta’an, addunyaa irraa addaan kutuu dhaan meeshaalee gargaarsaa sadarkaa addunyaa murteessoo ta’an deddeebisuun akka dhaabbatu taasiseera.

Akka angawoonni Faalisxiin jedhanitti, tajaajilli bilbilaa fi Intarneetii booddana addaan cite kun kan mudate, erga haleellaa xiyyaaraan Israa’el mooraa baqattoota Falasxiinotaa kaaba Gaazaa magaalaa Jabaliyaa keessatti argamu irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 50 du’anii, kanneen 150 ta’an ammoo madaa’anii booda.

Dubbi himaan waraana Israa’el haleellaa xiyyaaraa kana CNN’f mirkaneessanii, ajajaan waraana Hamaas sadarkaa ol aanaa kan Hamas naannoo sana jira jedhan. Boodarra ibsi Raayyaa Ittisa Israa’el kenne namichi kun Ibraahim Bi’aarii jechuun kan adda baase yoo ta’u, haleellaa shororkeessummaa Onkoloolessa 7 hidhattoota Hamaasiin kibba Israa’el keessatti raawwatame kan hoogganee dha jechuun ibsan.

Jabaliyaan maatiin baqattoota yeroo waraana bara 1948 irraa eegalee kan keessa jiraatan akka ta’e Rooyitars gabaaseera. Ibsi Hamaas irraa bahe akka agarsiisutti ajajaan ajajaan waraanaa mooraa kana keessa akka hin jirree fi lakkoobsa namoota du’anii ykn madaa’an 400 ta’uu ibseera. Lakkoofsi kun of danda’ee mirkanaa’uu akka hin dandeenye Rooyitars beeksiseera.

Israa’el kan Yunaayitid Isteetisii fi kanneen birootiin garee shorokeessaa ta’uun moggaafame Hamaasiin himachuu dhaan, namoota nagaa jala dahateei Gaazaa keessatti lafa jala hoolqabal’aa bakka meeshaa waraanaa, nyaataa fi dhiyeessii biroo itti kuufatu qabaachuu isaa ibsiteetti. Haleellaan xayyaaraan mooraa baqataa Jabaliyaa irratti raawatame biyyoota Arabaa hollaa Israa’el hedduu aarsee jira. Ministriin haajaa alaa Tokkummaa Emireetota Arabaa ibsa baaseen haleellaan kun naannicha keessatti miidhaa hin suphamne fida jedheera. Mootummaan kun ammas lubbuu dabalataa akka hin badneef hatattamaan dhukaasa akka dhaabbatu gaafateera.

Sa’uudii Arabiyaan haleellaa sana balaaleffachuu dhaan kan namummaa hin qabnee fi humnoota Israa’el dhuunfattoota ta’aniin kan raawwatame yoo jettu, ministriin haajaa alaa Iraan immoo haleellaan sun yakka waraanaa ka biroo Israa’eliin raawwatame jechuu dhaan erga fuula telegraamii isaa irratti maxxanseen beeksisee jira.

Jarmayaan qindeessa gargaarsa kan tokkummaa mootummootaa OCHAn naannoo Faalisxiin Hamaasiin geggeeffamu wabeffachuun akka jedhetti Wixata fi Kibxata lammiiwwan Faalisxiin 216 ajjeefamaniirun jedhee jira.

Gama biraan ministeerri dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken miseensota mootummaa Israa’el waliin mari’achuuf jecha Jimaata dhuftu gara Israa’elitti imaluuf akka jiran Dubbi himaa kan ta’an Maatewuu Miiler ibsaniiru.

Kaleessa prezidaantii Israa’el Isaaq Herzoog waliin Blinken bilbilaan dubbachuu isaanii kan ibsan Miller Yunaayitid Isteetis Israa’el ofii irraa ittisuuf mirga qabduuf deggersa akka kennitu irra deebi’uun mirkaneessuu isaanii illee ibsanii, siiviloota irra miidhaan akka hin geenye seera namoomaa saarkaa addunyaa kabajuun garuu barbaachisaa ta’uu dubbataniiru jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG