Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Nageenyaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Wixinee Murtii Gurumuu Gargaarsa Somaaliyaa Raggaasise


Faayilii: -Gola naga eegumsa kan tokkummaa mootummootaa
Faayilii: -Gola naga eegumsa kan tokkummaa mootummootaa

Golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa kan Somaaliyaatti argamu ergama tokkummaa mootummootaa waggaa tokkoo jechuun hanga Onkoloolessa 31 bara 2024tti kan haaressu ta’uu beeksisee jira. Wixineen murtii kun bara 2014 kan ba’e murtoo lakkoobsa 2158 fi bara 2021 kan raggaasisame murtoo lakkoobsa 2592 irra taa’ee kan jiru hojii fi qooda gurmuu kanaa akkuma qabatetti tura.

Gurmuun gargaarsaa kun mootummaa Somaalee fi Gamtaa Afrikaa waliin mari’achuu dhaan Somaaliyaa keessatti argamuun isaa akka eegamuu fi cimu gaafatee jira. Haalli siyaasaa fi nageenyaa Somaaliyaa keessatti mul’atu dandeettii gurumuun kun aangoo isaa raawwachuu irratti dhiibbaa akka qabu ni golli naga eegumsaa ni hubata.

Tokkummaa mootummootaatti Itti aanaa Bakka Bu’aa Dhaabbataa Somaaliyaa Mohaammad Rabii Yuusuf wixinee murtee kana simataniiru.

Yuusuf sagaleen erga kennameebooda gola naga eegumsaaf haasawa taasisaniin, Mani Marichaa gara garee biyyaa Dhaabbata kan Tokkummaa Mootummootaa-tti ce’uu jalqabuu isaa ni simannaa. "Aangoon ergama kanaa Somaaliyaa bara 2013 osoo hin taane, Somaaliyaa har’aa calaqqisiisuu akka qabu cimsinee amanna. jedhan

Qabsoon shororkeessummaa irratti geggeessamu karaa waraanaa qofa osoo hin taane, kan finxaalessumaaf sababaa ta’e dhabamuu carraa dinagdee furuun barbaachisaa dha. Akkuma beekamu misoomni uoo hin jirre nagaa hin jiru jechuu dhaan haasaa isaanii xumuraniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG