Mootichi biyya Biriteen Chaarles Keeniyaan bittaa Biriteen jalaa walaba ba’uuf qabsoo goote keessatti tarkaanfii humnaa suukaneessaa fi jibbisiisaa fudhatameef sababaan tokko iyyuu hin jiru jechuu dhaan gadda isaanii ibsanii jiran. Mootummaan isaanii Chaarlisii fi Mootittii Kamiilaan daawwannaa guyyoota afurii ennaa jalqabanitti afeerraa irbaataa mootummaa irratti ture kanaaf beekkamtii kan kennan. Daawwannaan isaanii waggaa 60ffaa walabummaa Keenyaa kan Muddee 12 kabajamuuf jiru dura geggeessame.
Bara 1952 fi 1960 gidduu yeroo jirutti, angawoonni Biriteen hookkara gara jabinaa Ma’u Ma’uu geggeessaniin, lammiiwwan Keeniyaa 10,000 ol ajjeefamaniiru hidhamaniiru, dararamaniiru.
Chaarles hirmaattotaaf ibsa kennaniin, dogoggorri darbe gadda guddaa fi gaabbii cimaaf sababaa ta’ee jira jedhan. Waa’ee yeroowwan darbanii dhugaa fi ifaan dubbachuu dhaan, biyyoonni lamaan itti fufanii daran walitti siquu danda’u jedhan.
Leellistoonni Keeniyaa hedduun garuu mootichi dararaa raawwateef dhiifama guutuu hin gaafanne jedhan. Afeerraa sana kan qopheessan prezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo, sochii walabummaa Keeniyaaf deebiin kenname suukaneessaa fi gara jabinaan kan guute jedhan. Biriteen ajjeechaa fi dararaa lammiiwwan Keeniyaa irratti raawwate araarsuuf carraaqqii guutus gumaa guutuu argachuuf hedduu hojjechuu akka qabdu amananiiru. Briteen bara 2013 keessa ennaa hookkara sanaa kanneen dararaman lammiiwwan Keeniyaa 5,000 ol ta’aniif doolaara miliyoona $24 kennuuf walii galtee jirti.
Forum