Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’el Mooraa Baqattootaa Irratti Haleellaa Gaggeesiteen Namoota Baay'ee Ajjeeste, Jedha Haamaas


FAAYILII - Doonii fi taankiiwwan hidhannoo Israa’el gara daangaa Gaazaa kibba Israa’el irratti, Sadaasa 1, 2023tti socho’aa jiru.
FAAYILII - Doonii fi taankiiwwan hidhannoo Israa’el gara daangaa Gaazaa kibba Israa’el irratti, Sadaasa 1, 2023tti socho’aa jiru.

Israa’el mooraa baqattootaa irratti haleellaa geesisteen namoota 195 caalaa ajjeefte jechuun Hamaas ibsee jira.

Haleellaan mooraa baqataai Jabaliyaa irratti gaggeeffame, yakka waraanaa ta’uu danda’a jechuun komishinarri olaanaa mirga namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa, miidiyaa hawaasaa Twitter jedhamuun beekamu irratti barreessan.

Israa’el loltuun ishee tokko Roobii kaleessa Gaazaatti ajjeefamuu dubbatteetti.

Israa’el haleellaan Kibxataa fi Roobii darbe raawwateen, hoggantoota waraanaa Hamaas lama kaampii baqattootaa guddicha Gaazaa Jabaliyaa keessatti ajjeesuu ibsiteetti.

Gama kaaniin, Yoo xiqqaate lammiileen biyya alaa 320 ta’an kanneen tarree jalqabaa namoota 500 irraa ta’an, akkasumas lammiileen Gaazaa kurnootaan lakkaa’aman waliigaltee Israa’el, Masrii fi Hamaas gidduutti taasifameen, Roobii kaleessaa gara Masrii ce’anii jiru.

Namoonni paaspoortii qaban kan Awustiraaliyaa, Oostiriyaa, Bulgaariyaa, Cheek Rippabiliika, Finlaand, Indooneezhiyaa, Xaaliyaanii, Jaappaan, Joordaan, Yunaayitid Kingidam fi Ameerikaa irraa ta’an kanneen baafaman keessa jiran.

Qondaaltonni daangaa Gaazaa akka jedhanitti, lammiileen biyya alaa hedduun akka ba’aniif bakki daangaa kun Kamisa har’a ni banama. Maddi dippilomaasii tokko akka jedhetti namoonni paaspoortii biyya alaa qaban kan gara 7,500 ta’an gara torban lamaa keessatti Gaazaa gadhiisuuf jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:40 0:00
More
XS
SM
MD
LG