Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antonii Bilinken Baatii Tokko Keessatti Si’a Lammataa Gara Isiraa’elitti Imalan  


FAAYILII: Ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken
FAAYILII: Ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken

Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Blinken yeroo ji’a tokko hin guunne keessatti, daawwannaa isaanii isa lammaffaa Israa’eliitti gaggeessaniif Kamisa ka’uuf jiran.

Jimaata borii Muummee Ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuu dabalatee qondaaltota Israa’el waliin wal arguun, tumsa qaban ibsuuf akkasumas miidhaa namoota nagaa Falasxiin irra gahu xiqqeessuun barbaachisaa ta’uu irra deebi’ee mirkaneessuuf karoorfachuu isaanii dubbi himaan isaanii ibsanii jiru.

Blinken biyyoota Arabaa muraasa Israa’el waliin hariiroo idilee qaban keessaa tokko kan taate Joordaanti ni goru. Roobii darbe Joordaan hanga Israa’el haleellaa Gaazaa irratti raawwatte xumurtutti jechuun, Tel Aviv irraa ambaasaaddara ishee baafte. Israa'el murtee Joordaan kanaan akka gaddite ibsiteetti.

Joordaan keessatti, Blinken barbaachisummaa lubbuu namoota nagaa eeguu cimsanii kan ibsan yoo ta’u, Falasxiinonni Gaazaa irraa humnaan akka hin buqqa’amneef waadaa Amerikaan galte irra deebi’uun kan ibsan yoo ta’u, kunis yaaddoo addunyaa Arabaa guddachaa dhufeera jedhan jedhan dubbi himaan Bliinken.

Pirezidaantiin Joo Baayiden waraana Israa'elii fi Hamaas keessaa dhaabatee gargaarsii namoomaa akka seenuu ta’u qaba kan jedhanii yaadan ta’u ibsan.

Baayiden deeggartoota kutaa Minisootaa magaalaa Miniyaapoolis keessatti walitti qabamaniif haasaaa dhageesisaa osoo jiranii, mormii dhukaasa dhaabuu gaafatu tokkoon addaan haasawaan isaanii adda cite.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG