Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahamat, raawwii walii galtee mootummaa Feedeeraa kan Itiyoophiyaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay giddutti sadaasa 2, 2022, mallattaa'e keessatti "milkii guddaa" galmaa'aa jira jechuun faarsan.
Dura taa'aan kun waggaa tokkoffaa waliigalteen kun mallatteessuu irratti ibsa baasaniin, lammiileen Itiyoophiyaa "nagaa, marii guutuu biyyaa fi araara hammachuu isaaniin" baga gammaddan jedhaniiru.
Walharkaa fuudhinsa meeshaa waraanaa gurguddaa fi giddu galeessaa, tajaajiloota bu’uuraa deebisuu, manneen barnootaa fi sochiin daldalaa naannoo Tigraayitti deebi’anii eegaluu, Bulchiinsa Naannoo kan Yeroo hundeeffamu, fi Garee Hojii Haqaa Ce’umsaa akkasumas Komishiniin Biyyoolessaa kan Deebisanii dhaabuu fi walitti makamuu gaggeeffame maqaa dhahaan.
Gamtaan Afrikaa bu'aa argame cimsuu fi waliigaltee tolfamee hojiirra oolchuu keessatti, dhimmoota hin xumuramne furuuf qophiidha" jechuun dura taa'aan kun irra deebi'anii dubbatan.
Gama biraan, Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Meles Alem gaazexeessitootaaf har’a Finfinnee keessatti akka himanitti, waliigalteen tolfamee, waggaa tokko qofa keessatti guutummaatti hojiirra akka hin oolle jalqabarraa ifa ta’uu ibsaniiru jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum