Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni-Maree Bakka-Bu'ootaa Yunaayitid Isteetis Gargaarsa Isiraa'eliif Baajeta Raggaasise 


Manni-Maree Bakka-Bu'ootaa Yunaayitid Isteetis Gargaarsa Isiraa'eliif Baajeta Raggaasise 
Manni-Maree Bakka-Bu'ootaa Yunaayitid Isteetis Gargaarsa Isiraa'eliif Baajeta Raggaasise 

Manni maree bakka bu’ootaa mootummaa Yunaayitid Isteet deggersa waraana israa’eliif kan oluu Doolaaraa Biiliyoonii 14.5 kan raggasise miseensota Mana marichaa keeaa sagalee. degersaa 226 erga argamee booda yemmuu ta’u, miseensonni 196 immoo hin deggeree ykn sagalee hin kennine. Degersichii gargaarsa namoomaa Gazaa keessatti taasifamuu akka of keessa hin qabmee beekameeraa. manni marichaa gargaarsa Yuukreenii fi Taayiwaani taasifamuu qaba jedhame irratti ittu murtoo hin kennini hafuun isaas gabaasameera.

Afaan yaa’ii haaraan mana maree bakka bu’ootaa Maayik Joonsen gargarsa kan ilaalchisee ibsa keennaniin, gargaarsii yeroo attatamaa baasii mootuummaa isaa biraa irraa hir’ifamee akka laatamu qabu ibsanii, kanuumaaf jecha baasiin mootummaa bakka adda adda irraa hir’achuu akka qabu hubachisaniiru.

Erga gargaarsi kun raggasifamee booda kan yaada kennan baka bu’aan paartii Demokiraatotaa STENY HOYER Seerri gargaarsaa kun Yunaayitid Isteets adduunyaa irratti biyyaa guddaa demokiraasiidhaaf dhaabbatu ta’uu ishee kan agarsiisuudhaa jedhani, “kunis Putiinnif , Hamaasiif, Hizboolaaf , Iraaniif, Shiin Jingiif akkasumas Kim jong Unf waan ergaa dabarsuudhaa” jedhani jiru.

Bakka bu’an paartii repaabilikaanotaa MAAYIK LAAWLER “ yaada kennaniin Israa’el akka moo’amtuu hin eeyyamnu” jechuun isaanii gabaasameera.

Karoorrii baasii gargaarsaa kana kaffaluu baasii dhaabbataa galii biyyaa keessaa/ IRS waltii qabu irraa doolaaraa biliyoonatti lakkawamu kutuudhaan akka ta’es ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG