Ityoophiyaa keessatti Ijaarsaa bu’uraalee misoomaatiif, dhaabbanni misooma Adduunyaa kan Yunaayitid Isteets USAID doolaalaa milyoonii 90 itti baasee jalaqabuu isaa Ityoophiyatti embaasiin mootumaa Yunaayitid Isteets beeksiseera.
Projektiin guyyaa har’aa sadaasa 3 bara 2023 ifa taasifamee kun hojii bishaan qulquluu fi qulqulina naannoo magaalootaa biyyatti keessatti taasifamuu irratti kan xiyyeeffate akka ta’e ebsameeraa.
Gargaarsii kun Itiyoophiyaadhaaf bu’aa adda addaa kan qabuu ta’uu isaa kan ibsan Itiyoophiyatti ambaasaadara Yunaayitud Isteets kan ta’an Erviin Maasingaa hojiin kun biyyi isaanii fuulaa durattis waan xiyyeeffanna itti kenitu ta’uu isaa ibsaniiru.
Projeektiin “Waash” ykn “Dhiqannaa” jedhamee beekamuu kun biyyoottan dinagdeedhaan hin guddanne 21 keessaatti bishaan dhugaatii qulqulina qabuu dhiheesuudhaafi qulqulinaa naannoo eeguudhaaf kan qophee yemuu ta’uu, Ityoophiyaan biyyoottan kana keessaa akka tokko taats ibsameera.
Projektiin kun barra 2016 (ALI) kaasee lammiileen Ityoophiyaa kuma 800 ta’an mana isaanii keessatti bishaan qulqulina qabu akka argatan taasisuudhaaf kan karoorfameedhaa jedhamee jira.
Ministira bishanii fi haniisaa mootummaa Ityoophiyaatti de’etaa ministeraa kan ta’an ambaasader Asfawu Diingaamoo gargaarsichii karaa bishaanii fi qulqulina naannootiin karooraa biyyattin waggoottan 10f qopheeffattef kan gargaaruudhaaa jedhaniiru.
Bakka lamatti qoodamee kan hojii irraa olu projektiin USAID kun yeroo gabaabaa keessatti lammilee Ityoophiyaa magaalota 10 keessatti argaman miiliyoonii walakka ta’an fayyaduu akka danda’u karaa USAIDn qindeessaa projectichaa kan ta’an obbo Dejenee Kumarraa ibsuu isaanii Kenedi Abaatee gabaasee jira.
Forum