Hawaasnii Baha Afrikaa konfiraansii Dilbata darbe Afrikaa Kibbaatti xumurame booda, tarkaanfii Ameerikaan AGOA dheeressuuf maltu irratti fudhatte jajatee jira. Itti aanaan Ministira Daldalaa Yunaayitid Isteets Dan Greeves akka jedhanitti, Ameerikaan diyaaspooraa Afrikaa hirmaachisuun daldalli Afrikaa waliin qabdu dabaluudhaaf kutannoo qabdi.
Walgahiin Hooggantoota Yunaaytid Isteetis fi Afrikaa erga gaggeeffamee waggaa tokko booda, mootummaan Ameerikaa biyyoota Afrikaa waliin waliigalteewwan daldalaa haaraa 75 cufuuf gargaareera jira. Kunis waliigalatti daldalaa fi Invastmeentii gam lamaa tilmaama gatii doolaara biiliyoona 5.7 karaa AGOA of keessaa qaba.
Itti aanaan Ministira Daldalaa Yunaayitid Isteets Doon Giraavis akka jedhanitti Ameerikaan walta’iinsa damee dhuunfaa ardii kanaa waliin taasiftu guddisuuf kutannoo qabdi.
Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden miseensa Hawaasa Baha Afrikaa kan taate Yugaandaa dabalatee biyyoota Afrikaa tokko tokko dhiisuuf yaadaa jiraachuu himan. Kaampaalaan labsii farra saalqunnamtii saala walfakkaataa erga raggaasitee booda hariiroon Yugaandaa Amerikaa waliin qabdu hammaatee jira.
Prezdaantiin Yugaandaa Yoweri Museveni Dilbata kaleessaa akka jedhanitti, Ameerikaan gatiin saba Afrikaa Bahaa qabdu garmalee tilmaamte, kunis erga Waashingitan Kaampaalaa dhiittaa mirga namoomaatiin waliigaltee daldalaa guddaa kana irraa kaasuuf murteessite.
Museveniin lammiileen Yugaandaaf akka ibsanti 'tarkaanfii dhiheenya kana mootummaan Ameerikaa dhaabbileen isaanii Yugaandaa keessatti hojii invastimantii akka hin gaggeesine abdii kutachiisuu akkasumas, Yugaandaa tarree AGOA keessaa baasuu irratti fudhateen, garmalee akka hin yaaddofne'' himaniiru.
AGOA waliigaltee daldalaa oomishaalee gosa adda addaa biyyoota Afrikaa ulaagaa guutan irraa dhufaniif, diilaala ykn qaraxa irraa bilisa ta’ee gabaa Ameerikaa akka seenan kan taasisu dha.
Forum