DhaabbileenTokkummaa Mootummoota fi kan tola ooltummaa sadarkaa addunyaa, haala ammaan dura baayyee hin beekamneen ibsa waloo baasaniin Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabinsii hatattamaan ta’e, gargaarsii namoomaa akka seenuu gaafataniiru.
“Namoonni kuma kurnaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru,” kan jedhu ibsii baasan kun, “Kun waan suukaneessaadha” jedha. Ejensiiwwan garee ibsa kana baase keessaa muraasni jaarmayaa fayyaa addunyaa, dhaaba daa’immanii Yuniiseef(UNICEF), Sagantaa Nyaata Addunyaa(WFP), Keer (CARE) seev ze childreen (Save the Children) fi Mersii Korps (Mercy Corps) kan jedhaman keessatti argamu.
Muummeen Ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, hanga namoonni Hamaasiin booji’aman deebifamanitti, dhukaasa dhaabuun hin jiru jedhan.
Humnoonni Israa’el “Magaalaa Gaazaa marsaniiru... Amma Gaazaa kibbaa fi Gaazaa kaabaatu jira,” jedhan dubbi himaan waraanaa Israa’el Daani’eel Hagaarii.
Ministirri haajaa Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Blinkan Weest Baank kan Israa’el dhuunfate keessatti daawwannaa tasaa gaggeessan. Sana booda Wiixata har’a mariif gara Turkii imalaniiru.
Israa’el erga Hamaas irratti haleellaa eegaltee as, bakka gocha shororkeessummaati jettee 2,500 ol rukutteetti.
Israa’el Onkoloolessa 7 irraa eegalee haleellaa dhaabbilee eegumsa fayyaa Gaazaa keessa jiran irratti raawwatame 102 galmeessuu isaa, Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa beeksisee jira.
Forum