Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Somaalee Balaa Lolaa Bishaaniin Namoonni 24 Du’uu fi Kuma Hedduun Buqqa’uu Beekise


Naannoo Oromiyaa fi Somaalee Itoophiyaa
Naannoo Oromiyaa fi Somaalee Itoophiyaa

Bulchiinsa naannoo Soomaalee keessatti, torbanneen walitti aananiif Rooba Jandoo roobeen namoonni 24du’u fi, abbaan warraa 23,000 ol manaa fi qe’e ofii irraa buqqa’uu isaanii, bulchiinsii beeksisee jira.

Bulchiinsa somaalee keessa godinaalee jiran 11 keessaa 8, balaa loolaa bishanii sadarkaa sadarkaan dhaqqabeen miidhamanii jiru.Waajiira ittiisa balaa fi dursanii akeekkachiisaa naannoo Sanaa kan ta’an Obbo Bashir Araab akka jedhanti, Abbaan warraa 42,000 miidhamuu isaanii fi lakkoobsii namoota miidhamanii fi du’anii dabalaa akka jiru ibsan.

Roobnii kunis , qabeenyaa irratti miidhaa guddaa geesisuu isaa kan ibsan Obbo Bashir lafa jallisiin misoomee heektaara 9958 mancaasee, beeleedaaleen 3600 du’u ibasan. Akkasumas, Mootarri hojii jallisii fi konkoolaataan adda addaa 960 ol loolaa bishaniin fudhatamu ibsaniiru.

Midhaa hamaan kan dhaqqabee, Dolloo Addoo, Qallaaffoo fi Cirratti keessatti yoo ta’u, guyyaa har’a jilli aangawoota sadarkaa olaanaa,bulchaa bulchiinsa naannoo Sanaa Obbo Musxafaa Mohammediin hogganamuu gara Dolloo Addootti qajeeluu Addis Chakkool gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG