Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bliinkan Daawwannaa Isaanii Dadhabsiisaa Giddu-galeessa Bahaa  Keessatti Geggeessa Turan Har’a Xumuran


FAAYILII: Ministra haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken, Ankara La Tiki Sadaasa 6, 2023
FAAYILII: Ministra haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken, Ankara La Tiki Sadaasa 6, 2023

Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Blinkan daawwannaa dadhabsiisaa Giddu Galeessaa Bahaa keessatti gaggeessan imala gara Tarkiitti gaggeessaniin xumuran.

Israa’el waraana Haamas irratti gaggeessitu cimsitee yeroo jirtutti, gidiraa namoota nagaa ykn siiviiloota Gaazaa akkamitti akka salphisu danda’amu irratti, waliigaltee naannoo Sanaa uumuuf yaaliin godhan milkaa’ina daangeffame qofti erga isa mudatee booda.

Blinkan Wiixata har’a magaalaa galama mootummaa Tarkii Ankaaraatti Ministira Dhimma Alaa biyyatti, Hakaan Fidaan waliin kan wal argan, imala ariifachiisaa Israa'el irraa gara Joordaan, West Baankii dhuunfatamtee jiru, saaypras fi Iraaq deemuun, yaada bulchiinsi Baayiden Duula waraanaa Israa’el Gaazaa keessatti ituu wal irraa hin citiin taasiftutti ''boqonnaa dhukaasa dhaabuu gargaarsa seensisuuf'' jedhu dhiheessaniif deeggarsa ijaaruuf ture.

Blinken, waraana kana keessatti boqonnaan qabaachuun, namoota booji’amtoota Hamaasiin qabaman akka gadhiifamuu fi waldhabdeen kun naannootti akka hin babal’anne akka taasisu abdii qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG