Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsi Namoomaa Gaazaa Akka Seenuu Eyyamuuf Isiraa’el Toftaa Yeroo Gabaabaaf Waraana Dhaabuu Akka Itti Yaaddu Beeksiste


Israel Palestinians
Israel Palestinians

Muummichi ministaaraa Isra'el Akkka Gargaaarsi namoomaa Gaazaa dhaqqabuuf jecha yeroo gabaabaaf haleellaa dhaabuu akka biyyi isaanii simachuu maltu dubbatan.

Meeshaaleen gargaarsaa namoomaa Gaazaa akka seenaniif ykn namoonni milishoota hamaasiin qabamanii jiran akka ba'aniif yeroo gabaabaaf humnoonni waraanaa tarkaanfii fudhachaa jiran akka dhaabanii fi garuu immoo waraanichi Hamaas waliin taasisamu akka hin dhaabanne ministirri muummeen Israa'el Benjamiin Natanyaahuu ABC Newstti akka himanitti garee Hamaas isa Yunaayitid Isteetsiin shororkeessummaan moggaafamtu Israa'el Injifachuuf galma ishee erga raawwatteen booda yeroo hin murtoofneef Gaazaatti itti gaafatamummaa nageenyaa walii galaa akka qabaattu himaniiru.

Yeroo itti gaafatamummaa nageenyaa hin qabaannetti waanti nuti qabnu gareen shororkeessaa Hamaas hanga nuti tilmaamnuun olitti barbadaa'uu isaatis jedhan Natanyaahuun.

Wixata kaleessaa Waayit Haawus akka beeksisetti PRezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayidenii fi Natanyaahuun bilbilaan dhimmoota lammiilee nagaa Gaazaa keessaa naannoo lolli itti fufee jiru kana keessa jiran karaa kamiin ba'uu akka danda'an, gargaarsi namoota nagaa rakkataniif akkamiin qaqqabuu akka danda'u mirkaneessuu fi akkasumas namoota nagaa booji'amanii jiran haala kamiin baasuun karaa danda'amu irratti dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG