Naannoo Amaraa godinaalee Goojjam bakkoota garaa garaatti loolli Humnoota Faannoo fi mootummaa gidduutti torbaanoota dhaabbatee ture sanbata xiqqaa darberraa kaasee akka haaraatti jalqabuu isaa jiraattoonni sagalee Ameeriikaatti himaniiru. Lolli kunis aanalee kanneen akka Jabbii Xaahinaa, Daghaa Daamoot, Buree, Danbacaa, Ferees beetii fi Quwaariititti ta’uu jiraattoonni kunneen dubbatanii lolichi hanga har’aattillee itti fufee jiraachuus dubbataniiru. Lolichi akka haaaraatti irra deebbiin ka’uu isaafis sababni humnoonni mootummaa manaa manatti deemanii sakata’insa jalqabuu isaaniitiinis jedhu namoonni sagaaleen Ameerikaa dubbiseeru. Lola guyyaa Arfaffaa qabateeru kana hordofees bakkoota lolli kun gaggeefamaa jirutti manneen hojii mootummaa fi manneen daldalaa cufaa jirus jedhan.
Ministirri ministira Komuunikeeshinii Itiyoophiyaa tibba darbe ibsa kennaniin Rakkoon nageenyaa naannoo Amhaaraa keessaa yeroo yerootti jijjiiramaa dhufeera jedhanii ture jedha gabaasni Asteer Misgaanaaw sagalee Ameerikaaf qindeessite.
Naannoo Amhaaraa Laalibalaatti lolli humnoota Milishaa Faannoo fi mootummaa gidduutti taasifamu akka haaraatti jalqabuu jiraattoonni himanii bakki seenaa qabeessi Laalibalaan waraana kanaa miidhamuu mala jechuun jiraattonni sodaa qaban himan.Akka gabaasa Reyootersittimmoo dilbata darberraa kaasee lolli akka haaraatti humnoota milishaa Faannoo fi humnoota mootummaa gidduutti taasifamaa jiraachuu jiraattoonni himaniiru. Lolli akka haaraatti jalqabame kunis nageenya manneen amantaa seenaa qabeessa dhagaan bocaman fi bakkoota qulqulluu kanneen akka Laalibalaaf yaaddeessaa ta’uu himaniiru jedha gabaasichi.
Dilbata darbe kana loltonnii mootummaa meeshaalee waraanaa dhuka’oo gurguddoo ta’an yeroo 11 naannoo mana amantaa Laalibalaa irraa dhiyootti dhukasuu isaaniitiin dhukaasaa turuu isaanii fi ijaarsi siidaa mana amantichaa kandhagaarraa jaarraa 12ffaa fi 13ffaa keessaa ijaarameeru miidhamuu mala sodaa jedhutti jira jedha Daaqooniin mana amantichaa yaada Reyooteersiif kenneeru.
Lolli jiraachuu kan mirkaneessan jiraattoonni biroon lama, gaafa Sanbata xiqqaa loltoonni mootummaa waraanicha jalaqabuu himaniiru. Naannoo buufata xiyyaraa laalibalaarraan gaaratti ol ba’uun meeshaalee waraanaa gurguddoo dhukaasaa turan jechuun jiraatan tokko dubbateera jedha gabaasni Reyootersi kun.
Dubbii himaa mootummaa Itiyoophiyaa, kan raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa fi naannoo Amhaaraarraa dhimma kanarratti yaada argachuuf gaafanne hin deebisne jedha gabaasni Reyooteers.
Naannoo Amhaaraa Bakkoota Garaa Garaatti Lolli Humnoota Faannoo Fi Mootummaa Gidduu Dhaabbatee Ture Deebi’ee Akka Haaraatti Jalqabee Jira
- VOA

Forum