Mootummaan Somaaliyaa sababa balaa lolaa kanaan lubbuun namoota 25 darbuu fi manneen jireenyaa, daandiiwwanii fi riqichoonni manca’uu isaaniitiin labsii yeroo hatattamaa labseera. Hojjettoonni gargaarsaa fi yeroo hatattamaa Aanaa Luuq kan Kibba Somaaliyaa Jubaaland keessatti argamtu keessatti namoota 2,400 kanneen rakkatanii jiran baasuuf yaalaa akka jirus jedhameera.
Waajjirri Qindoomina Dhimmoota Namoomaa U.N. balaa lolaa guddaa laga Jubaa fi Shabelle irratti mudachuu malu akeekkachiisee, namoonni guutummaa kutaa Juubaa jiraatan akka baafaman gaafateera.
Daarikteerri ittisa balaa Somaaliyaa Hasan Issee Assooshiyeetid Pireesitti akka himetti Balaa uumame kana hordofee xiyaara gara Doolloo erguu fi Bidiruuwwan lama Kismaayoo irraa gara Luuq fi tokkommoo gara Baardheretti erguun namoota achi keessaa baasuuf taattaffiin taasifamaa jira jedheera.
Haalli Roobaa kun guyyoota muraasa itti aananiif itti fufuu akka danda’u kan tilmaamau yommuu ta’u ammayyuu baddaa Itiyoophiyaarraa lolaan dhufu sodaachisaa ta’uus Hasan Isee dubbateera. Bakkoota amma balaan lolaa mudate kun waggoota Afuriif robaa dhabuun goginsa keessa turuun naannoo beelaaf saaxilamanidha.
Biyya ollaa Keeniyaatti Fannoo Diimaan Keeniyaa erga roobni cimaan Jimaata roobuu jalqabee lakkoofsi namoota du’anii gara 15tti ol guddachuu ibsuun, magaalaan buufata doonii Mombaasaa fi koonyaawwan kaaba bahaa Mandera fi Wajir haalaan miidhamaniiru. Balaa lolaa kanaanis hanga Dilbata darbeetti lafti qonnaa gara heektaara dhibbaatti lakkaa’amu barbadaa’uu fi beelladoonni Kuma tokkoo fi jahaatamii torba du’uu Fannoon diimaa ifoomseera.
Robaa Cimaa Fi Balaa Lolaa Wiixata Kaleessaa Mudateen Keeniyaa Fi Somaaliyaatti Lubbuun Namoota 40 Darbuun Himame
- VOA
Forum