Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Bulchiinsa Yeroofii Tigiraay Aangawoota Bulchiisichaa Ol'aanoo Afur Aangoo Irraa Kaasan


Asxaa mootummaa Yeroo kan Tigiraay
Asxaa mootummaa Yeroo kan Tigiraay

Prezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Kan Tigraay Obbo Geetaachoow Raddaa Hogganoota sadarkaa olaanaa Afur Angoo Irraa Kaasan. Kanas waajirri prezidaantii bulchiinsa yeroo Fees Buukii ofii irratti odeeffannoo baasee irraa hubatamee jira.

Kanneen aangoo irraa kaafaman kunis, Obbo Alam Gabra Waahid aangoo itti aanaa preezidaantiitti, gorsaa waa’ee dadamaqiinsa uummataa kan Preezidaantichaa, Obbo Amaanu’el Asaffaa itti gaafatamaa waajiira prezidaantii, Aaddee Liyaa Kaasaa bulchiituu godiins kibbs bshss Tigraay akkasumas, Obbo Taklaay Gabra Medhim bulchaa godiina Kaaba dhiyeeya Tigraay ta’uun ibsamee jra.

Dhimma kana irratti ibsa akka kennaniif kan gaafataman itti gaafatamaan waajiira koomunikeeshinii Tigraay Obbo Radaa’ii Haalafoom akka jedhanti, mootummaan itti gaafatamtoota hojii mootummaa akkuuma ramaduu, gaafa hojii mootummaan itti ramadee hojjachuu dadhaban immo aangoo irraa kaasa jedhanii jiran.

Xalayaan Onkoolooleessa 17 bara 2016 barreeffame maaliif Kibxata kaleessaa guyyaa 10 booda ifa ta’e gaaffii jedhuuf, mootummaan yeroo ifa gochuu barbaaduutti ifa taasiisa jedhan Obbo Radaa’ii Haalafoom.

Torban lama duras, hogganoonnii godinaalee naannoo 6 hojii mootummaa dhiisanii sochii biraa keeaa seenan jedhamee itti gaafatama isaanii irraa kaafamuu Obbo Geetaachw Raddaa ibsanii turan jechuun Muluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG