Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubartiin Hidda Dhalata Somaalee Kutaa Minisootaa Keessa Jiraattu  Kantiiba Magaalaa Tahuun Filatamte


Dubartii Lammii Ameerikaa hidda dhalata Somaalee Naadiyaa Mohaammed kantiibaa Magaalaa Minnisootaa tokko taate
Dubartii Lammii Ameerikaa hidda dhalata Somaalee Naadiyaa Mohaammed kantiibaa Magaalaa Minnisootaa tokko taate

Filannoo Kibxataa kaleessaa Yunaayitid Isteetis keessatti geggeessameen dubartiin dhalata Somaliiyaa tokko kantiibaa magaala Sewent Luwis Paark ka kutaa minisootaa kessatti argamuu tahuun filatamtee jirti.
Naadiyaa Mohaameed umuriin ishee waggaa 27 yemmuu ta’uu, seenaa magmaalichaa keessatti namni gurraachi fi musiliimnii yemmuu kantiibaa ta’uun filatamu ka jalqabaa taatee jirti.

Magaalicha keesaa waggootan 18 akka jiraatee fi baruumsaa ishees akka magaalichaa keessatti xumurtee kan ibsite Naadiyaan, barra 2019 umurii ishee waggaa 23tti miseensa mana maree Magaalaa Seent Luwis Paark taatee filatamuudhaan nama umuriidhaan xiqqoo filatamte ka jalqabaa jedhamtee seenaa galmeesitee turte.
Naadiyaan kan dorgomiitee nama dhalataa magaalichaa fi ogeessa baankii ta’an wajjin yemmuu ta’u, Sagalee waliigalaa dhibba keessaa harka 58 argachuudhaan akka injifatte beekameera.

Forum

XS
SM
MD
LG