Bulchiinsa naannoo Amaaraa godiina walloo kaabaa magaalaa Laaliibalaa fi nannoo isheetti har’a walakeessaa guyyaa irra hanaga darbuutti dhukaasii meeshaalee gurguddoo raayyaa ittisaa fi hidhattoota Faannoo giddutti gaggeeffamu kanneen ijaan arginine jedhan ibsanii jiru.
Nannoon isaa qabeenya sadarkaa addunyaatti galmeeffamanii jiranii fi kunuunsa barbaadan kan jiran yoo ta’u, dhukaasii meeshaalee gurguddaa kun balaaf kan isaan saaxiluu ta’u jiraattonni dubbatanii jiran.
Walitti dhukaasuun addaan ituu hin citiin sa’atilee sadii caalaaf turu akkasumas miidhaa namoomaa dhaqqabee gad ba’anii baruun kan hin danda’amne ta’u jiraattonni magaalaa sgalee Amerikaaf ibsanii jiru.
Yeroo dhukaasnii gama lachuu giddutti gaggeeffame sanatti, Gamoo bataskaana keessa akka turan kan ibsan namnii tokko, meeshaa gurguddaa dhukaafame irraa wanni cabee ba’e Bataskaana sana aduu qilleensaa fi rooba irraa ittisuuf gaaddisa ijaarame irra bu’e jedhan.
Bulchaan inni haaraan kan bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbada jiraattoota magaalaa Dasee wajiin turban kana marii gaggeessanin mootummaan marii nagaa haa gaggeessuu jechuun gaaffii dhiyaatu irratti deebii kennanii jiru.
Haala wal fakkaatuun godiina walloo Kibbaa aanaa Ambaasal magaalaa Wucaalee keessatti, sambata fi Dilbata dabree humnoota lamaan giddutti dhukaasa jalqabameen, lubbuun nana nagaa tokko darbuu fi waajirri mootummaa gubatee kompiitaroonni dhaabbilee mootummaa keessa jiran miidhaan irra ga’u haatii tokko ibsanii jiru.
Bulchaa aanaa Ambaasal Obbo Zalaalamti bilbiilee waa’ee kanaa haasoofsisuuf yaaluus, erga bilbiila kaasanii booda sagalee Amerikaa irraa ta’u koo ergan ibseef booda bilbiila isaanii cufan jechuun Masfiin Arraagee gabaasee jira.
Forum