Sudaan keessatti erga wal waraansii baatii Ebla irraa eegalee as, namoonni miliyoona 4.5 ta’an biyya ofii keessaatti manaa fi qe’e ofii irraa kan buqa’an yoo ta’u, miiliyoonni 1.2 ammoo gara biyyoota ollaa kan akka Chaad, Masrii, Sudaan Kibbaa, Itiyoophiyaa fi Rippabiliika Afrikaa waaltaatti dheessanii jiru.
Baqattoota keessaa harki guddaan iddoo akka Rippabiliika Afrikaa waaltaa keessaa harka 90 ta’an dubartootaa fi daa’imman dha.
Namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman bakka daahannaa argachuuf rakkachaa kan jiran yoo ta'u, namoonni hedduun karaa cinaatti muka jiran jala rafaa jiru.
Dhaabbanni Baqattootaa kan Tokkummaa Mootummoota (UNHCR)akka jedhutti, nyaata, bakka jireenyaa, bishaan dhugaatii qulqulluu ykn wantoota jireenyaaf bu’uura ta’an biroo argachuu dhabuun isaanii akkaan isa yaaddeessee jira.
Torban darbe qondaalli olaanaa UNHCR Doominiik Haayid naannoo Sudaan kutaa White Nile jedhamu daawwataniiru. Namoonni biyya ofii keessaa manaa fi qe’e irraa buqqa’an 433,000 ol akka achii jiraatan tilmaamamee jira.
Kana malees, waldhabdee kanaan dura, kutaa sana keessatti, baqattoota gara 300,000 ta’an kanneen irra caalaan isaanii Sudaan Kibbaa irraa ta’an, mooraa baqattootaa 10 keessatti keessummeessaa ture.
Lakkoofsi namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’anii dabaluun tajaajiloota barbaachisoo mooraa keessatti argamanti humnaa ol ta’e jira.
Forum