Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Israa’el Gaazaa Haleeluu Itti Fufan


FAAYILII: Lammiiwwan Faalisxiin kanneen haleellaa Samii Israa'el geggeessitu jalaa Khan Yoonis keessa dheessan
FAAYILII: Lammiiwwan Faalisxiin kanneen haleellaa Samii Israa'el geggeessitu jalaa Khan Yoonis keessa dheessan

Baatii darbe haleellaa Hamaasiin raawwatametti aansee, siiviloonni Faalisxiin, naannoo qiyyaafata sochii humnootii Israa’el ta’e keessaa dheessaa ennaa jiranitti, humnoonni Israa’el hidhattoota Hamaas waliin wal lolaa jiran. Magaalaa dugdee Gaazaa keessatti kan geggeessamu lola lafootti dabaluu dhaan, loltoonni Israa’el qilleensa irraan naannoo sana haleelaa jiran.
Waraana sanaan namoonni hedduun qe’ee ofii irraa kan buqqa’an yoo ta’u akka jarmayaan qindeessa gargaarsa kan Tokkummaa mootummootaa jedhetti Roobii kaleessaa uummanni 50,000 ta’u gara kibba Gaazaatti baqatee jira.
Lakkoobsi kun kan torban kanaa isa guddicha. Erga dilbataa qabee walumaa gala namoonni 72,000 ta’an kaaba Gaazaa dhiisanii ba’uu isaanii Tokkummaan mootummootaa beeksisee jira. Israa’el Dilbata darbe kaaba fi Kibba Gaazaa bakka wal agarsiisu daandii guddichaa irraa karaa ittiin achii ba’an banuu jalqabdee jirti.

Namoonni nagaan gamasii akka ba’anitti guyyaatti sa’aatilee afuriif banaa ta’ee ture. Namoonni hedduun ba’aa waan jiraniif illee raayyaan humna ittisaa Israa’el bakki sun banaa akka ta’uuf sa’aatii itti dabalaaf dheeressee jira. Tokkummaan mootummootaaf gareeleen gargaarsaa kanneen biroon toora daandii Gaazaa kaabaa fi kibba addaan baasu irratti bishaan, buskutii humna kennu dhiyeessaa jiran. Torbanneen darbanii jalqabee naannoo kaabaa bakka gargaarsi dhaqqabuuf rakkisaa ta’e keessa haalli jiru daran hamaa dha.

Tokkummaan mootummootaa qubsumaawwan kibba Gaazaa humnaa ol namaan waan guutamaniif kanneen haaraa dhufan simachuu hin danda’an jechuun akeekkachiiseera. JIraattota Gaazaa miliyoona 2.3 keessaa harka sadii keessaa lama qe’ee isaanii irraa buqqaa’aniiru jechuun Tokkummaan mootummootaa beeksiseera. Qubsuma Kahaan Yoonis jedhamu qofaa keessa namoonni 22,000 kan keessa qubstan yoo ta’u, akka tokkummaan mootummootaa jedhetti yoo xiqqaate namoonni 600 ta’an mana fincaanii tokko qooddatu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG