Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komiishinerri Ol Aanaan Mirga Namoomaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Gama Israa’elii fi Hamaasiin Yakki waraanaa Raawwataameera Jedhan


FAAYILII: Volker Turk, Komiishinera dhimmootii mirga namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa
FAAYILII: Volker Turk, Komiishinera dhimmootii mirga namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa

Baatii tokko dura walitti bu’iinsa uumameen Israa’elii fi Hamaasiin gama lamaanuu irraa yakki waraanaa raawwatameera jechuu dhaan, Tokkummaa mootummootaatti komiishinerri dhimmootii mirga namaa ol aanaan beeksisuu isaanii maddi oduu Rooyiters gabaasee jira.
Volker Turk Raafaa daangaa Gaazaa bakka Masriitti qaxxaamuran irraa akka dubbatanitti Onkoloolessa 7 garee hidhattoonni Faalisxiin gocha suukanneessaa isaan raawwatan yakka waraanaa ture, kanneen ukkaamsanii butan illee akkuma qabstanitti jiru jedhan.
Itti dabaluu dhaanis Isra’el siivilota Faalisxiin walitti qabdee adabuunis yakka waraanaa ti, humnaan siivilota qe’ee irraa akka ba’an gochuun illee seeraan ala jedhan.

Gama Raafaan darbee kan ergamu gargaarsa namoomaa ilaalchisee Turk ennaa dubbatan gargaarsi lubbuu oolchuuf kennamu haala kan haqaa hin taaneen ykn nama gaddisiisuun murtaa’a dha jedhan. Israa’el, hidhattoonni Hamaas Onkoloolessa 7 erga haleellaa daangaa qaxxaamure raawwatanii namoota 1,400 ajjeesanii kanneen 240 ta’an immoo ukkaamsanii butaniif deebii kennuuf jecha utuu adda hin kutin Gaazaa boombii dhaan haleelaa jirti.

Haleellaa boombii Israa’el raawwateen ijoollee fi dubartoota dabalatee namoonni 10,500 du’aniiru. Haala ariifachiisaaf jecha qaamotiin martinuu lola dhaabiinsa akka tolfatanan gaafadha jedhan Turk. Itti dabaluu dhaanis, dirqama mirga namaa sadiitu jira: Gaazaa dhaaf gargaarsa namoomaa ga’aa dhaqqabsiisuu, kanneen iggitaman gad dhiisuu fi , weerarri sun akka dhaabatuuf raawwatiinsa waaraa hojii irra oolchuu dha jedhan. Bowwaatti kufnee jirra, kun itti fufuu hin qabnu jedhanii, gam tokko badii waan dalageef, isa inni kaan raawwateef dhiifama hin ta’u jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG