Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsi Itiyoophiyaa Keessaa Karaa Nagaa Furmaata Akka Argatu Komiishinni Marii Biyyoolessaa Paarlaamaa Biyyattiif Waamicha Dabarse


Faayilii: Marii biyyoolessaa
Faayilii: Marii biyyoolessaa

Komiishinni maree biyyoolessaa kan Itiyoophiyaa baatilee darban arfan hojiiwwan hojjetee fi rakkoo isa mudate ilaalchisuu dhaan mana maree bakka bu’oota uummataaf gabaasa kan dhiyeessan komiishinerichi ol aanaan Profeeser Mesfin Arayaa, leenjiin hirmaattotaa fi leenjiin tumsitootaa haala adda addaatiin hojjetameera jedhan.
Boqonnaa qophii irra kan jiru komiishinichi, baatilee arfan darban bulchiinsa magaalaa Finfinnee, Gambeelaa fi naannolee Beenishangul Gumuz keessatti hirmaattoota naannolee 7 fi bulchiinsa magaalotaa adda baasuu isaa komishinarri olaanaan ibsaniiru.
Akkasumas, naannolee fi bulchiinsi magaalotaa adda baafamanii leenji’uu dhaan hirmaattota adeemsa marii kanaa adda baasuuf gargaaran sagal ga’uu illee ibsaniiru.
Naannoo Amaaraa fi Tigiraay keessatti hojii hojjetamuuf komiishinichi boqonnaa haal duree qopheessuu irra kan jiru ta’uu kan ibsan profeser Mesfin, hooggana ol aanoo naannolee dhimmi isaa ilaallatu waliin mariin geggeessamuu isaa tuqaniiru.
Komiishinichi hojii isaa akka karoorsetti raawwachuu akka hin dandeenye kan ibsan komiishinerichi ol aanaan kun, kunis hojichi wal xaxaa ta’uu isaatti dabalee walitti bu’iinsii fi dhimmotiin yeroo ka biroon sababaa ta’uu dubbataniiru.
Miseensonni mana maree bakka bu’ootaa komiishinichaaf gaaffilee adda addaa kan dhiyeessan yoo ta’u, kana keessaas yeroo ammaa walitti bu’iinsi jiru karaa nagaan furamanii hojiin komiishinichaa haala milkaa’een akka itti fufu maal hojjettan kan jedhutu keessatti argama.
Komiishinerichi profeesor mesfin deebii kennaniin, komiishinichi qaamotii wal lolan gidduutti itti gaafatama marii araaraa geggeessuu akka hin qabaanne ibsanii, ta’us walitti bu’iinsaawwan uumamaniif furmaata nagaa fiduuf paartilee siyaasaa, jaarsolii biyyaa fi abboota amantii waliin hojjetaa jirra jedhan. Manni maree bakka bu’oota uummata garuu kanaaf itti gaafatama isaa ba’uuf aangoo akka qabu tuqanii, manni marichaa qaama hoji raawwachiistuu mootummaa irra dhiibbaa akka kaa’u gaafataniiru. Mootummaan garaa bal’atee gara nagaatti akka dhufu, gareeleen hidhatanis hidhannoo isaanii lafa kaa’anii gara mariitti akka dhufan waamciha gochuun akka irra jiraatu illee yaadachiisaniiru.
Komiishinni marii biyyoolessaa dhimmootii bu’uuraa irratti waliin hin galamne akkasumas ittiin ka’umsa adda addummaa fi walitti bu’iinsaa kanneen ta’an dhimmootii biyyoolessaa irratti uummata mariisisuu dhaan walii galteen akka uumamu gochuu kaayyoo jedhu qabatee labsii dhaan hundeeffamee erga hojii jalqabee waggaa tokkoo fi baatii saddeeti ta’eera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG