Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Itiyoophiyaa Magaalaa Seena Qabeessa Laallibalaa Deebisanii To’atan


FAAYILII: Magaalaa Lalibalaa
FAAYILII: Magaalaa Lalibalaa

Gareen hidhattoota faannoo magalaa seena qabeettii Laalibalaa weeraree ture kaleessa erga gad dhiisee booda waraanni Itiyoophiyaa magaalattii deebisee qabachuu isaa jiraattonni dubbatanii jiran. Laallibalaan UNESCO dhaan kan galmeessame hambaa seenaa kan manni sagadaa dhagaa durii irraa qotamee hojjetame keessa jiru, waggaa kana raayyaa ittisa biyyaa fi milishoota faannoo gidduutti lolli geggeessamu yeroo adda addaa isa mudatee jira.

Waraana naannoo Tigraay keessatti waggoota lamaaf geggeessameen ofi irraa ittisuu duula jedhuun loltoota federaalaa cina hiriiree lolaa kan ture gareen Faannoo, Baatii Eebla keessa mootummaan erga humnoonni addaa naannoo akka diigamu ibsee booda muddamni jiru hammaatee jira.

Lola Roobii kaleessaa ka’een Faannoon irra jireessa magaalaa Laalibalaa to’achuu jiraattonni ibsanii jiran. Garuu kamisa har’aa jiraataan magaalattii tokko akka ibsanitti hidhattoonni kun halkan magaalattii dhiisanii waan ba’aniif raayyaan ittisa biyyaa magaalattii to’ateera jedhan.

Jiraataan magaalattii ka biroon hanga lafa bariitti Faannoon magaalattii irra hedduu to’atee ture, ennaa hirribaa dammaqnu garuu guutummaan magaalattii gad dhiisee ba’uu mirkaneessan. Jiraattonni kun akka jedhanitti lola hamaa Roobii darbe geggeessameen, humnoonni federaalaa maadhee waraanaa dugdee magaalattii jiru kan uummati kummi 37,000 ta’u keessa jiraatutti boodatti deebi’e jedhan.

Bakka bu’oota mootummaa fi kan raayyaa ittisa biyyaa ykn angawoota naannoo argachuun hin danda’amne. Ergaa AFPn erga kaleessaa ergaa tureef illee deebii hin kennine. Kanaaf jecha haala gamas jiru sababaa naannoo Amaaraa miidiyaan dhaqqabuun akkaan murtaa’aa ta’eef dhuunfaa dhaan mirkaneessuun hin danda’amne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG